Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 15:32 - KITAABA WAAQA

32 Yudafi Silani, waan raagoota tahaniifi, dubbi hedduuni oboleyaani jabeesani gorsani.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 15:32
39 Referans Kwoze  

D'umnaani inni eeba Waaqa arge guddo gammade nama ch'ufati hime, aka garaa tokooni Aabbo d'ugefatani.


garaa worra d'ugefate jabeese aka d'ugefacha keesa taani gorse waan jed'e, Nu gaargala guddaani Finna Waaqa argachu malle.


Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.


Anini tatabe diqo tana qarqaarsa Silwano, ka anini aka oboleesa d'uga heregad'utiini, t'aafe. Anini isani jabeesu fed'a, ammalle aka eebiti Waaqaaqaaqa d'uga, isaniti himu fed'a. Eeba tanaani jabaad'a.


Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.


Anini jaarole gumi ta jiddu teesani jirtu kad'ad'a, anileeni jaarsa. Anini gaargala Kristo ila tiyyaani arge, duuba guddinna eegi tana mullisani qooda keesaa qaba. Anini isani kad'ad'a:


dubbi tana barsiisi, hojja ch'ufa odeesi, yo fed'anifi yo imfeenele namaa galchi, gorsi, jabeesi, obsaani barsiisi.


Qaraa fiit'e, waan anini jed'u, kad'achaafi yaamachafi galata Waaqa deebisiti maro nama ch'ufatiifi tolcha;


Maqa Aabbo Yeso Kristotiini jara suni himne gorsina: Huji teesani laana hojad'a, ufi bulcha.


dubbi hafuura Waaqa qabdu intufatiina.


Nu isani kad'anna, oboleyaani, worra woma inhojanne gorsa, nama ch'eeru jabeesa, lalaafa qarqaara, nama ch'ufa obsa.


Dubbi buufata, oboleyaani, isani aka teetani Waaqa gammachiiftani nura ya barattani. Haguma duriiti isani akasuma teetani. Amma nu isani kad'anna, maqa Aabbo Yesotiini, aka isani hagasile ira jabaattani.


oboleesa keenna Timotheo, ka nu woliini Waaqa hojate Odu Dansa ta Kristo odeesu ergine. Nu isa ergine, aka inni isani jabeese d'ugefacha teesani qarqaaru,


Isani imbeetani, nu isani ch'ufa akuma abbaani ilmaani ufi heregu herenne.


Duri waan d'ossa kana namati inhimani, ammo amma Waaqi ya Lubbu ufitiini ergattu ufi qulqullofi raagootati mullise.


Kenniti dubbi Waaqatiini dubbatani ha nama dubbatu jala jiraatuuti.


Nami lamaa sadi ka dubbi, Waaqa barsiisu ha dubbatuuti, ato jari kaani waan worri jed'u ch'aqasu.


Ammo nami Dubbi Waaqa dubbatu namaani dubbateti qarqaare garaafi qalbi jabeesa.


Inni haga muumme isani jabeesa, aka Guyya Aabbo Yeso Kristo isani wollaala male teetani.


Yo nama d'ibi jabeesine, aka dansa jabeesu malle. Nami waan harkaa qabu namaani gahu fed'u ha arjoomaani gahuuni; nami nama dura deemu ha aka dansa dura deemu; nami namaa nahu ha gammadaani nahu.


Tanaafi waan qamnu ch'ufaani eeba Waaqi nuu kenne gula hojachu malle. Yo hujiini teenna dubbi Waaqa odeesiti taate, d'ugefacha Waaqi nuu kenne gula odeesu malle.


Lafa suni keesa dedeeme gumi guddo gorse lafa Griki d'aqe.


Bulti diqo toko achi keesa tae kae deeme. Lafa Galatiafi Frigia keesa dedeeme gumi d'ugefatte jabeese.


Inni Shamufi Kilikia keesa dabre gumi jabeese.


Jennaani ergattufi jaarolefi gumiini ch'ufti ee jette, worra gugurda gumi Waaqaa keesaa nama ufi fohate Antiokiati ergite, Paulofi Barnaba woliini: toko Yuda ka Barnaba jed'ani kaaleni Sila.


Jari Yudea toko d'ufe oboleyaani barsiise waan jed'eeni, Yo isani aada Musa gula qabanqaba qabattani male, baafamu indandeetani.


Bara suni raagooti gari Yerusalemu baate Antiokia d'ufte.


Petroni dubbi tanaafi ta d'ibileeni worra gorse waan jed'e, Gaargala d'aloota hama kanati d'ufu duraa ufi baasa!


Tanaafi Qalbiini Waaqaleeni waan jette, Anini raagafi ergattu worrati erga; nama gari ijeesani, ka gari gaargalchani.


Tanaafi waan anini isaniti himu: Anini raagootafi worra qalbi qabuufi qaaloota isani erga; ka gari fitt'ani, ka gari mukhati fanniftani, ka gari Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati lichooni d'aantani, dira ch'ufa keesaa haatani.


Nami na kalche na qorqoratu isuma.


Duuba gummiini Waaqaa imaltu worra ergite; Foinikefi Samaria keesa dabrani, aka nami gosa d'ibi gara Waaqa deebie odeesani. Oduuni tuni guddo oboleyaani ch'ufa gammachiifte.


Tanaafi nu Yudafi Sila ergine, aka afaani ufitiini isaniti himani.


Eegi soomani, maro dubbi nama jabeesitu sunitiifi gammadani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite