Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 15:1 - KITAABA WAAQA

1 Jari Yudea toko d'ufe oboleyaani barsiise waan jed'eeni, Yo isani aada Musa gula qabanqaba qabattani male, baafamu indandeetani.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 15:1
25 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.


Ammo Farisayooni gari ta d'ugefatte, kaate, Worri ha qabanqaba qabate Seera Musa guutu jette.


Eegad'a, aka nami tokoleeni qalbi nama ta woma imbaaneeni isani insomne. Qalbiini suni waan nami wolbarsiisufi waan herega lafaa iraa d'ufti, Kristo ira ind'uftu.


Gyya saddeeteeso daima suni ha qabanqaba qabanifi.


Nu aka jari armaa yae toko dubbini isani gaargalche lubbu teesani yaku fed'e ya d'ageenne; ammo nu seera akana kana worraa inkennine.


Musani ya isanii qabanqaba kenne (waan gara Musati baheniti ammo waan gara ababoota teesaniti bahe), duuba isani guyya Sabato qabanqaba namaa qabdani.


Eegi ganna kud'ani afuri Barnaba woliini Yerusalemu d'anne, Titole woliyaane.


Duuba gummiini Waaqaa imaltu worra ergite; Foinikefi Samaria keesa dabrani, aka nami gosa d'ibi gara Waaqa deebie odeesani. Oduuni tuni guddo oboleyaani ch'ufa gammachiifte.


Nu ya d'ageenne aka inni, Yesoni Nazareti mana qulqullo kana balleese aada Musani nuu kenne tana garagalcha jed'u!


Tanaafi nami tokoleeni d'ufe waan nyaattani d'uddanifi, jila teesaniifi, yokhaani jila teesani ta baatitifi ta Sabatole, keesa seera isaniti intolchiini.


Worri waan kana d'ageennaani Aabbo guddise waan isaani jed'ani, Oboleesa, atini ya argite, aka Yahudiini kunki heddu ta d'ugefatte jirtu, ammalle ch'ufti guddo Seera jabeesiti.


Jennaani ergattufi jaarolefi gumiini ch'ufti ee jette, worra gugurda gumi Waaqaa keesaa nama ufi fohate Antiokiati ergite, Paulofi Barnaba woliini: toko Yuda ka Barnaba jed'ani kaaleni Sila.


Eegi bulti diqo, Petroni jiddu oboleyaani keesa olejate (ka worri ch'ufti wolti nama d'ibba tokofi diddama) waan jed'eeni,


Tatabe tana t'aafani harka worrati kennani waan jed'ani: Nu ergattufi jaaroleeni, oboleyaani teesani, nagaya oboleyaani gosa d'ibi ta Antiokiatiifi ta Shamutiifi ta Kilikiati ergina.


Yudafi Silani, waan raagoota tahaniifi, dubbi hedduuni oboleyaani jabeesani gorsani.


Worra ufi guddisu fed'u, ka waan mullatatiini kiyyibuuti, qabanqaba isanii qabu fed'a. Wonti worri akasi tolchuufi aka maskali Kristotiifi ingaargalle.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite