Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 13:39 - KITAABA WAAQA

39 Maro isatiifi nami d'ugefatu ch'ufti waan ch'ufa keesati d'uga argata, ka duri Seera Musa gula nami d'uga argachu indandeenne.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 13:39
40 Referans Kwoze  

Ammo nu imbeenna, aka d'ugefacha Yeso Kristotiini d'uga namaa heregani, Seera guutitiini woma keesa injirtu. Wonti nuleeni Kristo Yeso d'ugefanneefi aka d'ugefacha nu Kristo d'ugefanneeni d'uga nuu heregani, ammo Seera guutitiini intaatu. Wonti akanatiifi Seera guutitiini nama tokole d'uga inheregani.


Wonti akanatiifi Kristoni ya Seera muumme baase, aka nami d'ugefatu ch'ufti d'uga argatu.


Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.


Seeri Musa dandae woma tokole inqit'eesu. Amma abdi d'ibiini ya d'ufani, ta Waaqati nu d'ieesitu.


Wonti akanatiifi yo nami garaa ufitiini d'ugefate d'uga argata, afaani ufitiini himate baafama.


Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.


Seeri dalansu Waaqaatiini d'ufa; ammo fulla Seeri injirre Seera ch'absitileeni injirtu.


Nu imbeenna aka wonti Seeri jed'u ch'ufti waan worra Seera jala jiruuni jed'ani, aka malte nama ch'ufa d'owani lafa ch'ufaa qorsuma Waaqa duraani d'ufani.


Aka daba heddeesaniifi Seeraani d'ufani, ammo fulla dabi iti heddate eebiti Waaqaleeni hagasi ira guddatte.


Waan maro d'iiga isaatiifi d'uga nu hereganiifi hagasi ira dalansu Waaqa dura nu baasa.


Waaqi Seera ufii Musani namaa kenne, ammo eebafi d'ugaani kara Yeso Kristotiini d'ufte.


Qaaloleeni Yahudi ch'ufti guyya ch'ufa huji ufi hojatte sorio takati maro heddu baafti. Ammo sorioni tunini daba keesaa nama imbaaftu.


Wonti akanatiifi d'iigi koromitiifi ka ree dandae daba imbaasu.


Tanaafi waan maro d'ugefachatifi d'uga nu hereganiifi nu amma Waaqaani wolti nagaya qamna, maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.


Ammo maro teennale ya t'aafani, nu ka Waaqa, Yeso Aabbo keenna duisa keesaa kaase d'ugefannule d'uga heregani.


Raagi ch'ufti isa d'ugeesa, aka maro maqa isatiifi nami isa d'ugefatu ch'ufti araarama argatu.


Ana hojattu tante qorsumati ingeesini; wonti akanatiifi nami tokoleeni ka si durati ch'ubbu inqamne injiru.


Nami akami dandae Waaqa durati d'uga qaba? Nami uwii d'alu akami dandae qulqullo taha?


Ato anini nama ch'ubbu inqamne taatele, afaani kiyyati na balleesa; yo anini wollaala qabaachu bad'ele dubbuma tiyyati wollaala keesa na buusa.


Waan kana anini jabeesu fed'a, aka nama qabanqaba qabatu ch'ufati himu: nami suni Seera ch'ufa gula deemu male.


T'aafiini, aka Waaqi d'ugefachaani gosa d'ibi d'uga hereguufi duru argite, jennaani t'aafiini Odu Dansa duriyu Abrahamu barsiifte waan jette, Maro teetiifi Waaqi nama lafa jiru ch'ufa eebisa.


Seera gula anini ya due Seerati na ijeese aka anini Waaqaa jiraad'u. Ya Kristo woliini mukha irati na fannisani,


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


ammo Israeliini, ta Seera Waaqaatiini d'uga barbaadde d'uga inarganne.


D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.


Waan anini isaniini jed'u, Namichi kuni nama kaani ira mana ufiti d'ugaani gale. Wonti akanatiifi nami ufi guddisu indiqaata, ammo ka ufi diqeesu inguddisani.


Inni waan jed'eeni, Aka dansa deebifte, akana tolchi, injiraata.


Jennaani namichi Seera beekhu toko, aka sila Yeso ilaalatu, olkae waan jed'eeni, Aabbo, maal tolchu male aka jireenna hegeri argad'u?


Duuba dubbini tana: Ch'ubbichi inhafu, ammo nami d'uga maro d'ugefacha isaatiifi injiraata.


Wold'aqisi sunini wold'aqisa duri anini ababoota worraa gaafa anini harka kiyyaani worra fuud'e lafa Misiri keesaa baase woliini tolfad'eeni takaaniti. Ato anini d'iirsa worra fakaad'ele, worri wold'aqisa suni injabeesine.


Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.


Nami tokoleeni maro waan Seeri fed'u tolchuufi Waaqa ira d'uga inargatu: Seeri aka nami daba tolchu ch'alla nama agarsiisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite