40 Ammo guyya sadeeso Waaqi isa kaase, diideese nama agarsiise.
Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.
Nu imbeenna aka Waaqi ka Aabbo Yeso duisa keesaa kaase, Yeso woliini nule duisa keesaa kaase isani woliini fuula ufi duraani nu d'ufu.
Ammo Waaqi isa kaase, gaargala duisa keesaa isa baase, waan dooti dandeete isa indabsanneefi.
Waaqi la Aabbo keenna Yeso duisa keesaa Kaase. Inni d'iiga ufitiini Tissitu Guddo hooliye tissu tahe, ka wold'aqisa hegeri beesisaniini.
Wonti akanatiifi Kristoni aka nama jiruufi ka duele abba tahuufi due kae.
Yo Lubbuuni Waaqaa ta Yeso duisa keesaa kaafte isani keesa jiraatte, yoosi ka Yeso duisa keesaa kaase nafa keesanile jireenna inkenna, Lubbuuni isaa ta isani keesa jirtuuni.
ammo gara Lubbu Qulqullo gula aka inni Ilma Waaqa jabeennaani nama agarsiisani, waan duisa keesaa isa kaasaniifi.
Inni ya guyya tolfate, aka nama lafa jiru ch'ufa d'ugaani qoru, nama inni fohateeni. Inni ya nama kana duisa keesaa kaase, waan kana kara kanaani nama ch'ufaa d'ugeese.
Yudani (ka Iskariotetiniti) kaani d'ibiini waan jed'eeni, Aabbo akami ufi nu beesifte nama lafa ufi imbeesisiini?
Waaqi ya Yeso kana duisa keesaa kaase, nu ch'ufti d'uga waan kanaati.