Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 10:36 - KITAABA WAAQA

36 Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 10:36
57 Referans Kwoze  

Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Nami Israeli ch'ufti ha hubatuuti, aka Waaqi Yeso kana ka isani mukhati fanniftani Aabboofi Kristo tolche!


Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.


Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.


ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi ya waan ch'ufa miila isaa jala naqe. Yo waan ch'ufa jed'ani, Waaqi ka waan ch'ufa miila Kristo jala naqe keesa injiru. Suni waan gaafi qabaatiiniti.


Woya isatiifi miila isaa gubbati maqa isaa t'aafani, Hayyu hayyoota, Aabbo abbooti ch'ufa jed'ani.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Waaqi la Aabbo keenna Yeso duisa keesaa Kaase. Inni d'iiga ufitiini Tissitu Guddo hooliye tissu tahe, ka wold'aqisa hegeri beesisaniini.


nami ch'ufti diideese, Yeso Kristoni Aabbo jed'u, aka maqa Waaqa Abba guddisani.


Adamu qara biyye lafatiini uumani: Adamuni lameeso gubbaa d'ufe.


Wonti akanatiifi Kristoni aka nama jiruufi ka duele abba tahuufi due kae.


Jennaani Paulofi Barnabani garaa jabaatani waan jed'ani, Dubbi Waaqa qara isaniti hasau malani. Ammo maro isani diddani jireenna hegeri ka isanii male argachu dad'abdanifi nu gara gosa d'ibii d'anna.


Nu Odu Dansa isaniti odeesina, aka kakhu suni ta ababooti teennati kakhatani,


Worri guddo gargari firfirfame maro gaargala eegi duisa Stefano d'ufetiifi, haga Foinikefi Kiprofi Antiokia yae dubbi Waaqa Yahudi ch'allati hasae.


Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.


aka haga Yerusalemu iti keyatani iraa deebitifi araarama daba maqa isatiini gosa ch'ufati odeesu malani.


Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.


Ammo gara hooliye badde ta gosa Israeli d'aqa.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini ergattu tiyya erga, ta kara naa mid'aasitu. Duuba AABBO Waaqi ka isani barbaaddani tassa Mana isaa ka eebati d'ufa. Ergattuni isani guddo eeddani d'ufte, wold'aqisa kiyya odeesiti.


AABBO Waaqi waan jed'u, Bethlehemu Efrata, atini dira gosa Yuda ch'ufa keesa dira diqa, ammo si keesaa anini nama Israeli fidu, ka d'alooti isaa uumama duri iraa bahe, tolcha.


ammo gosa Yuda injaalad'a. Ammalle anini, AABBO Waaqi, Waaqi worraa, worra imbaasa, ammo had'iisa goraadetiini yokhaani guubetiifi t'iyatiini yokhaani ka fardafi ka nama fardaani lolutiini imbaasu.


Anini nama fagootifi ka d'iole nagaya isanii kenna jed'e worra fayyisa.


Isani gammadaani godaantani, nagayaani iti d'aabattani, gaareenifi kubileleeni gammadde sirba baafte, mukhileeni gammade harka d'aa.


Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.


Duuba amma AABBUMA Waaqati akheekha sii kenna: intalti dubra garaachoofte, ilma deete, maqa isaa Imanueli baaftiifi.


Haga inni jiru d'ugaani ha jiraatu, haga lafti ifsa jiaa qabdu nami ha woi horatu.


Mid'aagumti tante hayyu d'araasifti; inni gudda keeti, isaa saalfad'i:


Hayyumti Waaqi sii kenne haga jiru jireenna teeti. Bokuuni atini namaani fidduleeni ka d'ugaati;


ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.


Ilma isaatiini, Waaqi uumamaa ch'ufa gara ufi deebise. D'iiga Ilma isaa ka maskali gubbati jigeeni nagaya tolche, akanaani waan lafafi gubba jira ch'ufa gara ufi deebise.


Aka nami dukana keesa tataufi ka gaadisa duisa keesa tatuleti ifsu, aka faana teenna kara nagayaati qajeelchu.


Isani waan jabdu lafa Israeli, arda Galilaya kana keesati eegi Yohanani, waan batiso namati hime asi tahe imbeetani,


Tanaafi waan maro d'ugefachatifi d'uga nu hereganiifi nu amma Waaqaani wolti nagaya qamna, maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite