Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 10:2 - KITAABA WAAQA

2 Inni nama dansaa ka Waaqa sodaatu, isaafi worri isaaleeni. Inni guddo maro Waaqatiifi wo namaa kenne, guyya ch'ufale Waaqa kad'ata.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 10:2
51 Referans Kwoze  

Inni isi arginaani rifate waan jed'eeni, Maal, Aabbo? Isiini waan jetteeni, Kad'acha teetiifi waan atini maro Waaqatiifi namaa kennitu ya fuula Waaqa durati si qaabatani.


Worri waan jed'e, Kornelio gudda askarti, nama d'uga, ka Waaqa d'ugefatu, ka gochiti Yahudi ch'ufti saadu, afaani malaika qulqullo tokotiini Waaqi gorse, aka inni mana isati si yaame dubbi tante d'agayu.


Jennaani Pauloni olkae, harka olfud'ate waan biyyaani jed'e. D'iiro, worra Israelitiifi gosa d'ibile ta Waaqa d'ugefattu, na ch'aqasa!


Ammo gosa ch'ufa keesa nama isa d'ugefate waan d'uga tolchu inni injaalata.


Malaikaani Kornelioni dubbatte taani deemnaani, inni hojattu ufi lama yaame, ammalle askarticha dansa toko ka guyya ch'ufa waan isaa ilaalule yaame.


Jari d'ugaa toko Stefano guddo bohe awaale.


Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.


Krisponi, ka gudda mana Waaqaa, worra ufi ch'ufa woliini Aabbo d'ugefate. Nami Korintho hedduuni waan kana d'ageennaani d'ugefate batifame.


Oboleyaani, ilmaani d'aloota Abrahamufi isani ch'ufa ka Waaqa sodaattani, dubbi baafama tana gara keenna ergani.


Nama tokoti jira ka Yerusalemu tau ka Simeoni jed'ani, inni nama d'ugaati Waaqa sodaate baafama Israeli eegata. Ammalle inni Lubbu Qulqullo qaba.


Jennaani hayyichi seera baase, Danieli qaba, goda nyeench'i miju keesa buusa jed'e. Duuba inni waan Danielini jed'e, Waaqi kanke, ka atini guyya ch'ufa kad'atu, si baasinna


Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.


hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'a,


Hojja ch'ufa kad'ad'a, indad'abiina, ilaafiina, Waaqaa galata deebisa.


Namichi toko, ka Anania jed'ani, ka Seera Waaqa guutu, ka Yahudiini Damaski ch'ufti saade,


Ammo Yahudiini taani nad'eeni dira suni ta gurra qabdu ta beekhanifi, nama gugurda dira sunilee, Paulofi Barnabati kaafte lafa suni keesa gussite.


Waan naani jed'e, Kornelio, kad'acha tante ya d'agayani, ammalle aki atini biyya wo kennitu la fuula Waaqa dura gahe, akasiini amma ya si qaabatani.


Dira Yafa keesa, niiti d'ugefatte tokoti jira, ta Tabitha jed'ani, yokhaani Dorkasi, akasi jechaani Guguufto jechu. Niitiini tunini waan dansa heddu tolchite hori hiyyeeyi kennite.


Jennaani gumiini Waaqa Yudeafi Galilayafi Samaria keesa nagaya argate eebifamte, Aabbo Waaqa sodaate qarqaarsa Lubbu Qulqullotiini jabaatte heddatte.


Aabbooni waan isaani jed'e, Kai, gara Kara Qajeela jed'ani d'aqi, mana Yuda keesa, nama toko ka Saulo jed'ani, nama lafa Tarso, barbaadi. Inni Waaqa kad'achu jira.


Jennaani Yesoni mammaasa kana worrati hime, aka nami guyya ch'ufa Waaqa kad'achu illakimne.


Anini amma seera baasa, aka nami lafa anini fidu keesa jiru ch'ufti Waaqa Danieli sodaate saalfatufi. Inni Waaqa jiru, ka haga jiru jireenna tau. Finna isaa dandaani imballeesani jabeenni isaaleeni muumme inqabu.


Achini bahe jennaani qonqo laalalatini Danieli yaame waan jed'e, Danieli, hojattu Waaqa jiru Waaqi atini d'ugeefatu nyeench'a duraa si baase?


Danielini aka seera suni beesisa ira kayani d'ageennaani kae gale. Dereshani mana isaa toko Yerusalemuti fuula deefata. Duuba inni akuma aada isaa kaani deresha suni bane, artiti jilbiifate, guyya keesa maro sadi Waaqa kad'ata.


Ila borutiifi ila adule ch'ufa nami isa sodaate, nami ch'ufti maqa isaatiifi jabeenna isaale d'eeta. Inni akuma laga yau, ka qilleensi AABBO Waaqa yaasu, d'ufa.


Gama lachu gula injigiini, jidduma keesati hafi. Ammo yo atini nama Waaqa sodaatu taate, inuma dabsatta.


Ayyaana isa ka dubbi Waaqaa guute, garaa ufii ch'ufaani isa gula deemu.


Gochiti ch'ufti AABBO Waaqa sodaate, hayyooti lafa ch'ufaleeni jabeenna isaa sodaati.


Ee AABBO Waaqa qarqaarsa kiyya, anini guyya ch'ufa si yaamad'e, halkani ch'ufa si dura d'ufe si kad'ad'a.


Atini Waaqa kiyya, naa nahi anini guyya ch'ufa siuma kad'ad'a.


Diiramafi guyyaafi halkanile, gungumsuni tiyyafi waachani tiyyaleeni gara Waaqaa deemti. Innileeni qonqo tiyya d'agaya!


Ayyaana isaati ka hiyyeesaa nahu; hojja inni gaargala qabu AABBO Waaqati isaa qarqaara.


D'uga tante gula na qajeelchi, waan dansa na barsiisi; atini Waaqa kiyya, ka na baasu, anini hojja ch'ufa si d'aabad'a.


Yo jilti suni hobaatu ch'ufa Ayubuni ganama lafaa akae, aka ilmaani isaa ch'ufa qulqulleesu sorio qala. Wonti inni akasi tolchufi, waan ilmaani isaa hegeri garaa keesati Waaqa abaartu fa sehe sodaata.


Duri namicha tokoti jira, ka Ayubu jed'ani, ka arda Uzi keesa godaanu, inni nama d'uga qajeela, ka Waaqa sodaate waan hamtu lagatu.


kad'acha isa d'agayifi. Gubbaa, fulla worra keetiti, isa ch'aqasi, waan inni fed'u guutiifi, aka gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti si beete sii saalfatu, akuma worra kanke ka Israeli. Duuba akanaani worrileeni imbeekha, aka Mani anini jaare kunini fulla iti si kad'atani.


kad'acha isaa d'agayifi. Gubba fulla worra keetiti isaa ch'aqasi, waan inni fed'u guutiifi aka gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti si beete sii saalfatu, akuma worra kanke ka Israeli. Duuba akanaani worrileeni imbeekha, aka Mani anini jaare kunini fulla iti si kad'atani.


Yo isani AABBO Waaqa hojachu diddani arra ka hojattani fohad'a, yokhaani waaqoota d'ara ka ababooti teesani duri lafa galaani Frati gama kad'atte, yokhaani waaqoota d'ara ka worra Amori, ka amma isani lafa worra keesa teetani: Ammo anaafi worri kiyya gama keennani AABBO Waaqa hojanna.


Anini isa yayu fohad'e, aka inni ilmaani isaatiifi ababoota isaa gorse, aka worri na ch'aqase waan dansaafi ka qajeela tolchu. Yo worri waan kana tolche, anileeni waan Abrahamuu Intolcha jed'e ch'ufa intolchaafi.


Yerusalemu keesa Yahuditi jira, worra aada guutu, ka lafa ch'ufaa d'ufe.


inni aka siifi worri kankeleeni baafamtani siti hima.


Namichi kunki diddama iti kennanileeni akasuma kunki diddama d'ibi argate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite