Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 1:24 - KITAABA WAAQA

24 Jennaani Waaqa kad'atani waan jed'ani, Aabbo, atini garaa nama ch'ufa imbeeta. Nama atini fohatte, jara lamaani kana keesa nu garsiisi,

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 1:24
24 Referans Kwoze  

Ammo AABBO Waaqi waan isaani jed'e, D'eerinnaafi mid'aaguma isaa iniilalini, anini yayu isa dide. AABBO Waaqi waan nami laalu iniilaalu. Nami nama nafuma ala laala, ammo AABBO Waaqi garaa keesa ilaala.


Ammalle Waaqi ka garaa nama beekhu d'ugefacha worra arginaani Lubbu Qulqullo worraa kenne, akuma nuu kenne.


Anini, AABBO Waaqi, qalbi nama ch'ufa laale, garaa namale ilaalad'a. Anini nama ch'ufa adabuma isaa gula waan male kennaafi, waan inni tolchu gula.


Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.


Waan tokole dandaani Waaqa ind'ossani. Wonti lafa keesa jira ch'ufti ila isaa dura jirti; isa durati waan keenna ch'ufa himachu malle.


Ammalle Waaqi, ka garaa nama ch'ufa argu, herega Lubbu imbeekha. Wonti akanatiifi Lubbuuni waasaani Waaqa kad'atti maro gumi isaatiifi ammalle fed'i isaa gula.


Gumi ch'ufa keesa jaarole fohatani, ufi agabsani, Waaqa kad'atani, harka Aabbo ka worri d'ugefate keesati lakisani.


Jara kana ergattu duraani d'ufani, ergattuuni Waaqa kad'atte harka ira keete.


atini imbeetu? Atini herega keenna ch'ufa imbeeta.


Atini Waaqa d'ugaati, ka herega keennafi garaa keenna laalu. Ch'ubbicha hameenna ira balleesi, nama waan dansa tolchuu nagaya kenni.


Ammalle maro sadeeso Yesoni waan jed'eeni, Simoni ilma Yohana, Atini naa feeta? Petroni garaa ufi keesati lalefate waan inni maro sadeeso, Atini naa feeta? jed'eefi. Inni waan jed'eeni, Aabbo, atini waan ch'ufa imbeeta, aka anini si fed'u imbeeta. Yesoni waan jed'eeni, Hooliye tiyya nyaachisi.


Ammo ee AABBO Waaqa gudda, atini d'ugaani nama ilaalate, waan worri garaafi qalbi keesaa qabu beeta. Tanaafi aka atini nyaapa kiyya haalo baafatu na agarsiisi, wonti akanatiifi anini dubbi tiyya yayu siti kennad'e.


Jennaani anini kad'ad'e waan jed'e, AABBO Waaqa gudda, atini ka d'uga gula dubbi qortu, ka ammalle heregaafi qalbi namaa ilaaltu, anini dubbi tiyya ya siti kennad'e; haalo atini worra kana baafatu na garsiisi.


Gaargalafi dootileeni AABBO Waaqa durati ind'offamtu. Nami akami dandae herega ufi Waaqa d'ossa re?


Anini imbeekha, aka atini onne nama ch'ufa ilaalte nama d'uga iraa gammaddu. Fed'ifi garaa tokooni anini waan kana ch'ufa sii baase, ammalle anini aka gumiini tante tunini gammadani waan kana ch'ufa sii baaftu ya arge.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


kad'acha isaa d'agayifi. Mana kanke ka gubbati worra ch'aqasi, araaramifi, qarqaari. Si ch'allaati herega nama ch'ufa beekha, tanaafi nama ch'ufa waan isaa male tolchiifi,


Ee AABBO Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, anini si kad'ad'a, nama gumi tanaani deeme


Sauloni waan AABBO Waaqa Israelitini jed'e, AABBO atini arra maafi dubbi na jala qabu didda? AABBO, Waaqa Israeli, d'akha woyyumatiini naani dubbad'i. Yo ch'ubbuuni ta Yonathani yokhaani tiyya taate, Urimuni naani dubbad'i; ammo yo isiini ta gosa tante ta Israeli taate, Thumimuni naani dubbad'i. Jennaani dubbini Yonathanifi Saulo qabatte, biyyiti taani qulqullo jalaa bate.


Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Isani worra nama durati ufi d'ugeesu, ammo Waaqi garaa keesani imbeekha; wonti akanatiifi waan nami waan guddo wo namaa baatu sehu Waaqi woma insehu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite