Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 1:11 - KITAABA WAAQA

11 Jari kaani waan jed'e, D'iiro, worra Galilaya, isani maafi ejaanjitani gubba ilaaltani? Yesoni kuni, ka isani bira gubbati oldeebie, akanuma eegi tana deebia, aka isani isa gubba deemu argitani kana.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 1:11
23 Referans Kwoze  

Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.


Qonqo jabeennati d'ufa, qonqo malaika guddo, qonqo magalata Waaqa, Aabbooni gaafasi gubbaa gadi bua! Worri ato Kristo d'ugefatu due qara duisa keesaa kaa;


Jennaani Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani d'ufu argani.


Yo anini deeme fulla isanii mid'aase, deebie d'ufe fulla tiyyati isani geesa, aka fulla ani jiru suni isanileeni arti teetani.


Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae,


Duuba akheekhi Ilma Nama gubbati mullata; gochiti lafa tana ch'ufti imbooti, Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani gadi buu argani.


Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.


Ilma isaa ka gubba gadi d'ufu eegattani, Ilma isaa Yeso, ka inni duisa keesaa kaase, dalansu Waaqa ta hegeri d'uftu duraa nu baasu.


Gaafasi Ilmi Nama, ka jabeennaafi guddinnaani dumansa keesa d'ufu argani.


Inni guyya heddu worra duri isa woliini Galilaya bahe Yerusalemu d'ufeti mullate. Worri suni amma gumi Israeli ch'ufa durati d'uga isaati.


Sodaatani, lafa ilaalani jennaani worri kaani waan jed'eeni, Maafi nama jiru awaala keesa barbaaddani?


Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne?


Nami ch'ufti guddo maadefate waan jed'ani, Me ilaala, worri dubbatu kunini ch'ufti worra Galilayatiyu?


Ammo Petroni ammalle mormate. Diqo toko teennaani, worri achi ejaanju waan Petroni jed'e, Laki abbo, dandeete imormattu, worri keesani Galilaya, atini d'uguma nama isaati.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Jara arma ejaanju kana keesa nama haga Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufuti indooneti jira.


Eegi Aabbo bo Yesoni jara ufiti dubbate, inni gubbati oldeebie, harka Waaqa mirgaani tae.


haga inni gubbati oldeebie. Ato gubbati oliindeebiini, inni jabeenna Lubbu Qulqullotiini jara qara fohate ergattu tolfateti d'aame.


Eegi inni dubbi tana dubbate, ato worri ilaalu, inni gubbati oldeebie, dumansi isaani dura isa d'osse.


Inni gubba tau male, haga waan ch'ufa hareesa tolchaniiti, akuma Waaqi afaani raagoota isaa qulqullotiini duri hime.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite