Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Hosea 9:13 - KITAABA WAAQA

13 Ee AABBO Waaqa, anini ijoolle worraa ta barbaadani aka bineensa fit'ani arge.

Gade chapit la Kopi




Hosea 9:13
13 Referans Kwoze  

Tanaafi Amazia, AABBO Waaqi waan siini jed'u. Niitiini tante dira kana keesa sharmut'a taate, ilmaani tante goraadeeni fit'ani. Lafa tante qoodani biyyaa kennani, atileeni lafa nama Waaqa imbeenneti doota. Ammalle worra Israeli boojiani lafa d'ibiti geesani.


Waan Samariani Waaqa ufii diddeefi isi balleesani, nama isii had'iisa keesati fit'ani, daima worrale lafati d'abbani, nad'eeni worraa ta garaacha qabdule garaa babaqasani.


Ammalle aka goorjama ka ilmaani iraa badde isani had'e isani tatarsaasa. Akuma nyeench'a fulluma suniti isani nyaad'e fit'e, aka bineensa alaa isani tatarsaasa.


had'iisi lafa teesaniti d'ufe maneeni teesani jajabdu ch'ufa balleesa. Guyyaani gaafasi aka gaafa guyya hayyu Shalmaniini dira Betharbeli had'e balleese haawaanifi ilmaani tume bulleese akasi taha.


Worri Israeli mukha qanch'oorate hiddi goge mid'aani imbaamne fakaata. Worri ijoolle ind'alu, ato d'alelle, anini ijoolle worri jaalatu suni imfit'a.


Dooti yayu deresha manatini nuti seente maneeni teenna jajabdu duudde; isiini yayu ijoolle kara keesa teteetufi kaima gabaya keesa jirule qabate fit'e.


Ato Menahemuni Tirsa d'ufu jiru, inni dira Tapuatifi nama keesa jirufi lafa d'aatu isaa ch'ufa had'e balleese waan nami dira suni isati harka kennachu dideefi. Inni nad'eeni garaachale ch'ufa garaa babaqase.


Anini ila tiyya duraa isani gusse, akuma oboleyaani teesani ta Israeli tolche, isani tolcha. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Inni ato ilmaani heddu d'alelle ch'ufti woraanani hobaati; ilmaani isaaleeni haga jirtu waan nyaatu inqabdu.


Akuma nama jilati yaamtu atini nyaapa kiyya nati yaamte, worri na marse lubbu na keesaa baase. Duuba guyya dallansu tante suni worri tokoleeni dandae duraa imbahu. Worri ijoolle tiyya ta jaalalaani anini guddise naraa fit'e.


Ee Israeli, AABBO Waaqa keesaniti deebia, dabi keesani ya gufachiise isani buuse.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite