Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Hosea 8:9 - KITAABA WAAQA

9 Worri Israeli harre diidaa fakaata, ta mata ufiiti yaatu. Worri gara Ashuru d'aqe qarqaarsa fed'ate gosa d'ibile qarqaarsa iraa bitate.

Gade chapit la Kopi




Hosea 8:9
13 Referans Kwoze  

lafa gamooji keesa lafa martu fakaatani. Yo isiini daarimte korma feetu, eenuti d'owu dandaa? Kormi isii barbaadu gaargala womatu inqabu; isiini yo kormi yaabu ch'ufa kurfo jirti.


Israeliini aka sabaliisa jirti, ka aka daalle fulla ch'ufa ka inteenne maru; qara lafa Misiri qarqaarsa fed'achu d'aqani, ammo eege Ashuru d'aqani!


Worri Israeli fayyad'aba ufii beennaani yokhaani Yudaleeni mada ufii arginaani lafa Ashuru d'aqani hayyu worraa gudda qarqaarsa kad'atani, ammo inni worra fayyad'abafi madale fayyisu dad'abe.


Tiglath-Pilesari, hayyuuni Ashuru, lafa Israeli had'e, duuba Menahemuni, qarsi kilo kuma sodomi afuri isaa kenne, aka akasiini qarqaarsa isaa argate irre ufi, ta lafaani mohatu, jabeesu.


Worri Israeli halkani guyya wo balleese male woma imid'aasu. Worri haga qarale ira wolsobe wolhad'e wolballeesa. Ammalle worra Ashurutini wold'aqani worra Misiritiini woliini daldalani.


Anini ila garayoota isii durati isi woya iraa hiikhe ch'eersa, nami tokoleeni ka iraa na d'owu injiru.


Tunini d'aamsa AABBO Waaqi waan bineensa lafa aloo ka bita d'aamate: worri ergani sunini lafa d'ipufi gaargala gudda qabdu keesa deema, ta nyeench'afi bofafi jaweeni aka male oriitu iti galtu. Worri harreefi gaala miha dadansa iti fae, gosa worra qarqaaru indandeenne geese.


Worri ka mala naraa infud'atini lafa Misiri d'aqe, qarqaarsa fed'ata. Worri aka Faraoni worraa kalchu abdate, lafa Misiri d'aqe qarqaarsa kad'ata.


AABBO Waaqi waan worra Yuda himatu qaba, ammalle worra Yakobo maro huji worratiifi gaargalcha; inni huji worraa gula gaargala kennaafi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite