Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Hosea 6:1 - KITAABA WAAQA

1 Koota, AABBO Waaqati deebina! Inni qara ya nu tatarsaase, ammo inuma nu fayyisa; ya nu madeesele, ammo mada teenna inuma hid'aniti?

Gade chapit la Kopi




Hosea 6:1
36 Referans Kwoze  

Me amma ilaala, Waaqi d'uga ana, ka d'ibiini injiru. Anini ijeese jireesa, madeese fayyisa, nami tokoleeni na indabsatu.


Waaqi si madeese ammalle qorsa sii mat'ansa inni wo si tolche harkuma ufiitini si fayyisa.


AABBO Waaqi ijeese jireesa; inni nama fulla ekhera geese ammalle gadeebisa.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini worra fayyise deefad'e, garaa kiyya ch'ufaani jaalad'e, iti deebie worrati indallanu.


Ch'ubbichi ha kara ufi lakisu, nami hameenna gula deemu ha herega ufi garagalfatu. Inni ha AABBO Waaqa keennati deebiu. Duuba inni naheefi hurrise araaramaafi.


Anini isani fayyise, mada teesanile qorsa ira kaaya, ato nyaapi keesani, Sionini waan jibbani, nami tokoleeni waan isii iyyaalu jed'ele.


waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.


Yo Waaqi ch'allise, eenuti dandae waan isa dubbata? Yo inni fuula d'ofate, eenuti dandae isa arga?


Ee Israeli, AABBO Waaqa keesaniti deebia, dabi keesani ya gufachiise isani buuse.


AABBO Waaqi waan jed'u, Yo guyyaani sunini gahu, worri Israelitiifi ka Yuda bohaa d'ufe, ana Waaqa isaani barbaada.


Isani ch'ufti ka AABBO Waaqa iraa gortani, isati deebia; inni isani fayyise nama d'uga isani tolcha. Isani waan jettani, nu AABBO Waaqati deebina, inni Waaqa keenna.


Jii akuma adu ifse, aduuleeni haga duri kaani ira maro torba ifsiti; akanaani ifsaani guyya toko ifsa guyya torba fakaata. Hojja AABBO Waaqi dirmamufi mada gumi isaa hid'e, fayyisu wonti kunini ch'ufti taati.


Ee AABBO Waaqa, atini na eebifte, gaara na tolchite na jabeesite. Ammo eege atini na d'okhannaani anini guddo mudame.


AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'u, Madaani teesani infayyitu fulla isani woraanani dandaani infayyisani.


Duuba waan isani harkaani boch'ani kad'atani, ta qarsifi worqiini mid'aasani, aka waan t'uri qabaati gadigatani waan jettani, Na biraa bada, nara fagaad'a!


Gosa ch'eera inqamne, wolti koota,


Samueli waan worra Israelitini jed'e, Hojja isani AABBO Waaqati garaa keesani ch'ufaani ka deebitani tatani, isani waaqa worra gosa d'ibitifi akheekha waaqa Ashtorethi ufiraa balleesu maltani. AABBO Waaqati ufi kenna, isuma ch'alla kad'ad'a, duuba inni harka worra Filisti keesaa isani baasa.


Waaqi ya dallansuuni gargari na tatarsaase, ila jibbaatiini na laale.


Anini ya dad'abe, ee AABBO Waaqa, naa nahi humna naa kenni, anini ya ufi jibbaad'e,


Atini yayu d'ipufi gaargala nati ergite, ammo siumati ammalle irre tiyya naa deebise, boola duaa keesaa na fuud'a.


guyya ijeesanifi guyya fayyisani; guyya ch'ach'absanifi guyya ijaarani;


Guyya suni biyyiti Waaqa qulqullo Israeli ka worra uume d'at'e qarqaarsa kad'atti.


Ammo anini dira kanafi nama isa keesa tau, d'ukuba iraa d'owe fayya kenneefi nagayafi hormaatale kennafi.


Worri kara Sioni gaafate achi yaa. Duuba worri wold'aqisa jiru jireenna ka na woliini tolfate kaani, deebie inch'absu.


kara iraa na gorse gargari na ch'ire lafa na buuse.


Gumiini tiyya na gula yaati, hojja anini aka nyeench'a nyaapa worrati itanu. Worri gama ila aduti orie nati d'ufa.


Tanaafi isani ammatana Waaqa keesani d'ugeefad'a, iti deebia; jaalalaafi d'uga jabeesa, biraa indeemina, obsaa, waan Waaqi keesani tolchu eega.


Ammalle hojja eegi qaallichi d'ufe ilaale damansi imulatini eegi mana maro lameeso d'oobani, inni ha, Mani sunini qulqullo jed'e biyya beesisu, wonti akanatiifi damansa suni yayu balleesani.


Duuba jecha hayyutifi ka jaarole gula, nama lafa Yudatifi ta Israeli keesa qonqo tanani ergani: Worra Israeli, isani ka lafa tana keesati harka worra Ashuru jalaa baatani, amma AABBO Waaqa Abrahamutifi ka Isaaqotifi ka Yakobooti deebia, innileeni isanumati deebia.


Yo atini ufi diqeesite Waaqati deebite, hameenna worra kanke keesa jiru ch'ufa keesaa baafte,


Ammo eegi suni guyyaani ind'ufa ka worri Israeli AABBO Waaqa isaanitifi ilma Daudi hayyu isaaniti deebiu. Gaafasi AABBO Waaqa sodaatani waan dansa inni worraa kennu fud'atani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite