Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Hosea 4:4 - KITAABA WAAQA

4 AABBO Waaqi waan jed'u, Nami tokoleeni isani inhimatini yokhaani isani ingorsiini — nami isani qaalole himatu ana.

Gade chapit la Kopi




Hosea 4:4
8 Referans Kwoze  

Nama dubbi iti murani fud'achu didi mata ufiti deeme, qaallu huji AABBO Waaqa harka qabuufi jaallabale ch'aqasu didu ha ijeesani; duuba akanaani hameenna akasi suni worra Israeli keesaa baaftani.


Gaafa suni nami woi beekhu qarooleeni inch'alisa, wonti akanatiifi bari suni hama!


Worri Israeli ya waaqoota d'ara jaalate gula bade; laki, ha baduti!


Nami fiit'a nama due suni, ka huji awaala isaa harkaa qabu, reefa isaa baate mana keesaa baheeni nama mana keesati hafe yaame waan jed'uuni, Nami eegeti si woliini hafe injira? Duuba nami hafe kaani waan jed'uuni, Hiyo, tokoleeni injiru. Jennaani namichi fiit'aa kaani waan jed'uuni, Afaani qabad'i, nu maqa AABBO Waaqa d'aule himmalle.


Anini araba si hid'e, atini worra na dide kana gorsu dad'abda.


Jennaani biyyiti waan jette, Koota, mala d'awanna aka Yeremia balleesinu! Nu qaalole nu barsiiftufi jaarole qaqaro mala nu d'ooftufi raagoota dubbi Waaqa nu faddu lafa teenna keesa haguma jirule ind'amnu. Koota, dubbi isaa dinne isa himanna.


Isani nama fulla gaadisati d'uga dubbatu injibbitani, nama waan ch'ufa keesa d'uga gadi baasu imfeetani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite