Duuba eegee anini lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa: ilmaani teesani ta d'iiratiifi ta uwalealeeni wo fadde, jaaroleeni teesani oobju oobjatte, kaimi keesanileeni daayyani wo arga.
Ammo aka ufi guddisu na d'owani maro waan dansa ka anini argeetiifi, nafa kiyya keesa qoraatiini na woraante; wonti na d'ukubse suni aka ergattu Sheet'ana taate na gaargalchite ufi guddisu na d'owarte.