8 Haga aada Naziri suni keesa jiru ch'ufa inni qulqullo, ka AABBO Waaqati.
Hojja nami d'aatu isaati due, ka duuba akanaani rifeensi isaa ka aada kaani t'urae, inni guyya torba bule duuba matafi areeda ha haadatuti, duuba ha akanaani ufi qulqulleesuti.
Anini aka ilma argad'u AABBO Waaqa kad'ad'e jennaani inni gurba kana naa kenne.
Tanaafi anini isa amma tana AABBO Waaqaa keenna. Inni haga jiru ch'ufa ka AABBO Waaqati. Jennaani worri achiti AABBO Waaqa kad'ate.