Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Henna 11:10 - KITAABA WAAQA

10 Musani aka gumiini wolwoldeete balbala waaro ufi durati gugungumte d'agaye laalefate, wonti akanatiifi AABBO Waaqati worraati dallane.

Gade chapit la Kopi




Henna 11:10
19 Referans Kwoze  

AABBO Waaqi dubbi tana d'ageennaani dallane, dallansu isaa keesaa gumi isaa ibidaani balleese;


Yesoni waan kana arginaani dalane waan worraani jed'e, Ijoolleeni ha nati d'uftuuti, ind'owiina; wonti akanatiifi ijoolle akana tanati Finna Waaqa qaba.


Inni dalansuuni worra mimillate, aka garaani worra jabaate lalefannaani nama kaaniini, Harka diriirfad'u jed'e. Inni harka ufi diriirfannaani fayye.


Isani lafa anini isanii kenne jibbaatani keesa bahu maltani; ammalle lafa isani imbeenne isani kenna, wonti akanatiifi dallansuuni tiyya ibida fakaati, isiini haga jiru jireenna bobeeti.


Duuba amma AABBO Waaqi yayu gumi isaati dallane, harka d'eerefate, balleesaa iti kaye. Gaareeni chochoote, reefi nama hobae aka huura kara dira keesa ch'iisa. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqa isa ira ingaltu, ammalle harka d'eerefate nama d'aanu fed'a.


Ee AABBO Waaqa, anini nama si jibbu akami jibba! Nama si didule akami tufad'a!


Waaro ufii keesati hafe gungume, AABBO Waaqa ch'aqasu dide.


Waaqi waan kana arginaani guddo dallane worra isaa ka Israeli dide.


Dallansuuni tiyya aka ibida bobeete, boola fulla Ekherani jirtuleti woi gubdi: Dallansuuni suni lafafi waan isiini baaftule ch'ufa balleesite, gaarale ch'ufa ibidaani gubdi.


Waaqafi Musati gungumte waan jette, Atini maanifi lafa Misiri keesaa nu baafte, lafa aloo tana ta liqimsafi bisaani inqamne keesati nu fit'a? Nu sagale hamtu tana ya dad'amne!


Jennaani worri waaro, Koratifi ta Dathanitifi ta Abiramu biraa fagaate. Dathanifi Abiramuni waaro ufi keesaa gabahani, balbala dura nad'eenifi ilmaani worra woliini ejaanjani.


(Musani nama guddo balchicha, nama balcha aka isaa lafa keesati inargani.)


Gumiini gaargala ufiiti AABBO Waaqati gungumte, jennaani inni d'agaye dallane, ibida gubbaa worrati erge.


Jennaani waan AABBO Waaqaani jed'e, Atini maanifi waan hamtu kana na tolchita? Atini maanifi na dabsite, ulfinna worra kana ch'ufa nara keete, akana na tolchita?


Duuba AABBO Waaqi worrati dallane, kae biraa deeme; akuma inni deemeni


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite