Duuba amma AABBO Waaqi yayu gumi isaati dallane, harka d'eerefate, balleesaa iti kaye. Gaareeni chochoote, reefi nama hobae aka huura kara dira keesa ch'iisa. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqa isa ira ingaltu, ammalle harka d'eerefate nama d'aanu fed'a.
Jennaani waan AABBO Waaqaani jed'e, Atini maanifi waan hamtu kana na tolchita? Atini maanifi na dabsite, ulfinna worra kana ch'ufa nara keete, akana na tolchita?