Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Hagai 2:7 - KITAABA WAAQA

7 Anini gosa ch'ufa imballeesa, duuba waan worri qabu ch'ufa armaani d'ufani, anini Mana kana horiini guuta.

Gade chapit la Kopi




Hagai 2:7
36 Referans Kwoze  

AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini ergattu tiyya erga, ta kara naa mid'aasitu. Duuba AABBO Waaqi ka isani barbaaddani tassa Mana isaa ka eebati d'ufa. Ergattuni isani guddo eeddani d'ufte, wold'aqisa kiyya odeesiti.


dumansi guddinni AABBO Waaqa keesaa bibiliqu d'ufe, Mana suni duuche, duuba qaaloleeni waan sunifi deebite huji ufi hojachu dad'abde.


Ororooni inni namaani fidu harkaa imbuutu, lichooni hayyumaa worra isaa keesaa imbaatu, haga abbaani damoosa baasanifi d'ufe isa durati gajed'ani saalfatanifiiti.


Eegi guyya sadi Mana Waaqa keesati argani, ato inni jiddu qaalole tae ufile ch'aqase worrale wo gaafatu.


Lubbuuni suni isati akheete jennaani inni Mana Waaqa olseene. Duuba abbaafi haati Yeso gurbaani olseennaani, aka isaa aada Seeri fed'u guutani,


La bade, la bade! Ee, anini dira kana imballeesa. Ammo wonti kunini haga anini nama toko ka dira kana balleesu fohad'uti intaatu. Duuba anini dira kana isaa kenna.


Hooliye Kedaritifi ta Nebayothi ch'ufa sitiini d'ufani, sorio qalani waan mesa fakaata irati baasani, AABBO Waaqa gammachiisani. AABBO Waaqi mana isaa haga qara kaani ira mid'aasa.


gochiti lafa tana ch'ufti maro ilmaani tetitiifi eeba argatti, waan atini dubbi tiyya d'ageeteefi.


T'aafiini, aka Waaqi d'ugefachaani gosa d'ibi d'uga hereguufi duru argite, jennaani t'aafiini Odu Dansa duriyu Abrahamu barsiifte waan jette, Maro teetiifi Waaqi nama lafa jiru ch'ufa eebisa.


Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.


Ganama nami ch'ufti kae Mana Waaqa d'aqe aka isa ch'aqasu.


Inni guyya ch'ufa mana Waaqa keesati barsiisuu jira. Qaalole gugurdofi jara Seera beekhufi jaaroleeni gugurdoleeni kara isaani ijeesani barbaadani.


Ee tissitu Israeli, nu d'agayi; ee atini ka gumi tante tissitu, nu ch'aqasi. Atini ka waan lubbu qaba ka koola gubbaa barch'uma kanke ira teetu,


Gaafa toko, ato Yesoni nama barsiise Odu Dansa Mana Waaqa keesati odeesu, qaalole gugurdofi jari Seera beekhu jaarole woliini isati d'ufani


Anini siifi niiti tana nyaapa wolti tolche, d'alooti keesanileeni woli jibba. D'alooti isii mata si ch'arase, atileeni hirba worraa nyaatta.


Wonti akanatiifi qit'oomi Waaqa ch'ufti nafuma Kristo keesa jira,


D'uguma baafami isaa nama isaa sodaatu iraa fago injiru, akasiini guddinni isaa lafa teenna keesaa imbahu.


Biyyiti goda d'akha keesati d'okhati yokhaani lafa keesati boola qotatti, aka dallansu AABBO Waaqaa duraa baqatani, jabeennaafi guddinna AABBO Waaqa duraa bahani, gaafa inni lafa chochoosu d'ufu.


Me millad'a, waan taha kana ilaala: worri kanke wolti bahe siti galuu jira. Ilmaani tante ta d'iira lafa fagooti d'ufte, dubra tantele hamparaani d'ufanini.


Hojja anini mukha suni boola ekhera keesa buusu, dibbeesi lafa d'aicha isaa gosa ch'ufa chochoosa. Qaariitini isaa suni mukha Edeni ch'ufafi mukeeni Lebanoni ta bisaani burqa gubba ejaanjitu ch'ufa ta boola ekhera d'at'e, guddo gammachiifti.


Anini owa dallansu tiyya keesa inkakhad'a aka guyya suni lafti Israeli ch'ufti guddo chochootu.


Jennaani namichi kaani fullo mirga keesaani na bahe, Mana Waaqa duraani na d'ufe. Duuba anini millanaani, ifsa isaa, ka bibiliqe mana suni guute, arge. Anini isa durati lafaani ufi d'oomnaani,


Gaareeni kora, mukha ch'ira, Mana kiyya jaara; duuba anini gammade guddinna kiyyaani mullad'a.


Ato qaaloleeni Mana Waaqa keesa gabahuti jirtu,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite