Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Filipi 4:7 - KITAABA WAAQA

7 Nageenni Waaqaa, ka nami hubachu indandeenne, garaa keesaniifi qalbi teesani inqorqorata, Kristo Yeso keesati.

Gade chapit la Kopi




Filipi 4:7
43 Referans Kwoze  

Nagayaani taa, nagayaa kiyya isanii kenna, aki anini isanii kennu aka nami lafa woli kennuniti, garaa keesani keesa gaargaltani insodaatiina.


Ee AABBO Waaqa, siumati nama si d'aabate, ka heregi isaa gara ingalle, nagaya ind'umanne, kennaafi.


Aabbooni, ka nagaya namaa kennu, hojja ch'ufaafi guyya ch'ufa nagaya isani guutinna. Aabbooni isani ch'ufa woliini ha tau.


Nagayi Kristoni namaa kennu ha garaa keesani qoruti; wonti akanatiifi Waaqi garaa tokooni nagaya kanati isani ch'ufa yaame. Ammalle galata isa deebisa.


AABBO Waaqi gumi ufii eebise nagaya kennaafi.


Ammo Lubbuuni jaalalafa, qilit'amafa, nagayafa, obsafa, naasufa, d'uga gula deemitifa, dansoomafa,


Waaqi, ka abdi namaa kennu, gammadafi nagaya isanii kennina maro d'ugefacha teesani ta isani isa d'ugefattaniifi, aka abdiini teesani jabeenna Lubbu Qulqullotiini iti daramtu.


Waan kana anini ya isaniti hime, aka na keesa nagaya argattani. Lafa keesa d'ipu argattani, ammo garaa jabaad'a! Anini ya lafa dabsad'e.


Nami waan nafa heregu indua, ammo nami waan Lubbu heregu jireennafi nagaya argata.


Tanaafi waan maro d'ugefachatifi d'uga nu hereganiifi nu amma Waaqaani wolti nagaya qamna, maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.


Ee, aka jaalala isaa barattani ato nami dandae ch'ufa imbarannele akanaani qit'ooma Waaqaatiini guutamtani.


Ato sila seera kiyya ch'aqaftani, nageenni aka galaana haguma jiru inch'inne isaniti yae, d'ugaani teesanileeni akuma d'awa galaana isaniti d'ufti.


Amma tana Waaqaani wold'aqa, nagayaani woliini taa; yo atini akasi taate inni si eebisa.


Wonti akanatiifi Finni Waaqa waan nyaatani d'uganiiniti, ammo d'ugaafi nagayafi gammada Lubbuuni Qulqullooni namaa kennitu.


AABBO Waaqi waan jed'u, ch'ubbichi nagaya inqabu.


Anini Yohanani gara gumi torba ta lafa Asia keesa jirtu waan kana t'aafa: Waaqi ka amma jiruufi ka durile jiru, ammalle ka hegerile jiruufi lubbu torbaani ta barch'uma isaa dura teteetufi


Aka nami dukana keesa tataufi ka gaadisa duisa keesa tatuleti ifsu, aka faana teenna kara nagayaati qajeelchu.


Amma, oboleyaani tiyya nagayati! Waan qit'ooma barbaada; waan inni jed'u ch'aqasa; wold'aqa, nagayaani woliini taa. Yoosi Waaqi nagayaatiifi ka jaalala isani woliini taa.


AABBO Waaqi isani jaalate nagaya isanii kennuti.


Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.


Anini waan AABBO Waaqi jed'u ch'aqasu jira; inni nu gumi isaa qulqullo nagaya nuu kakhate, yo nu kara keenna daallicha duri kaaniti deebiu baanne.


Waan dubbi tiyyaafi huji tiyyale keesa, nara argattani nara barattani guuta. Duuba Waaqi nagaya nuu kennu isani woliini taa.


Dubbini worraa ejata si qajeelchite halkanile hiriba keesati si qorqorate, guyyale si gorsiti.


Ee AABBO Waaqa, nami nagaya namaa kennu sii, wonti nu tolchinu ch'ufti, waan atini tolchite iraa baati.


Qarooma illakisini inni si qorqorata; isa jaalad'i, inni si tissa.


Tanaafi anini gara gumi Rumi keesa jirtu ta Waaqi jaalate nama ufi tolfateti t'aafa: Waaqa Abba keennatiifi Aabbo Yeso Kristoni nagaya isanii kennina.


Qaroomafi hubachaani tante si qorqorate


Amma beena gala jila tolfad'a, daad'ifi sagale d'ad'a qabdu soorad'a, nama inqamnelee keenna. Guyyaani kunini Aabbo Waaqa keenna qulqullo, tanaafi ilaalefatina. Gammadi AABBO Waaqi isanii kennu isani jabeesa.


Ammo anini dira kanafi nama isa keesa tau, d'ukuba iraa d'owe fayya kenneefi nagayafi hormaatale kennafi.


Anini ifsa mid'aase dukanale uume gaargalaafi nagayale namaatiini d'ufa. Waan kana ch'ufa ana AABBO Waaqa tolcha.


Waaqi la Aabbo keenna Yeso duisa keesaa Kaase. Inni d'iiga ufitiini Tissitu Guddo hooliye tissu tahe, ka wold'aqisa hegeri beesisaniini.


Yo Waaqi ch'allise, eenuti dandae waan isa dubbata? Yo inni fuula d'ofate, eenuti dandae isa arga?


Nami gurra qabu waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini sagale manna jed'ani ta d'ossani kennaafi. Ammalle ch'abbi adi ta maqa hareesa irati t'aafani, ka nama argatu male nami d'ibiini imbeenne kennaafi.


Maqaani kiyya Yuda, hojattu Yeso Kristotiifi oboleesa Yakobo; gara worra Waaqi yaame, ka jaalala Abba Waaqa keesa taufi ka qorqorti Yeso Kristo jala jiruti tatabe tana t'aafa.


Waaqa Abba keennafi Aabbo Yeso Kristoni eebafi nagaya isani kenninna.


Eegi anini tatabe oobruuni bitani Baruku kenne, anini Waaqa kad'ad'e waan jed'e,


waan nu gufachiisa ka kara keesa jira, ka Waaqa hubachu nama d'owa balleesina: herega keenna ch'ufa Kristo kennina, aka inni mohatu.


Maqaani keenna Paulofi Timotheo, hojattu Kristo Yeso. Gara gumi Waaqa ta lafa Filipi keesa jirtu, ta Kristo Yeso d'ugefattu, jaarole gumitiifi jara gumi Waaqa hojatu woliini:


Waaqi kiyya, durooma Kristo Yeso keesa jiru ch'ufaani waan isani feetani ch'ufa isani kenna.


Gumi Waaqa ta Kristo Yeso ch'ufa nagaya naa fuud'a. Oboleyaani arma na woliini jirtu nagaya d'aamti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite