Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Filipi 3:9 - KITAABA WAAQA

9 isaani takaa tahu. Anini ammatana d'uga nami Seera guutu argatu tokole inqabu. Anini amma d'uga ta d'ugefacha Yeso Kristotiini argatani qaba, d'uga Waaqa biraa d'uftu, ta d'ugefachaani argatani.

Gade chapit la Kopi




Filipi 3:9
56 Referans Kwoze  

Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Ammo nu imbeenna, aka d'ugefacha Yeso Kristotiini d'uga namaa heregani, Seera guutitiini woma keesa injirtu. Wonti nuleeni Kristo Yeso d'ugefanneefi aka d'ugefacha nu Kristo d'ugefanneeni d'uga nuu heregani, ammo Seera guutitiini intaatu. Wonti akanatiifi Seera guutitiini nama tokole d'uga inheregani.


Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.


Wonti akanatiifi Odu Dansa keesa Waaqi kara inni d'uga nama hereguuni agarsiisa: karaani suni d'ugefacha ch'alla. Akuma t'aafiini jettu, Nami Waaqi maro d'ugefachatifi d'uga hereguufi injiraata.


Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.


Worra Yudatifi ka Yerusalemu lubbu baasani nagayaani teesisani. Dira sunile maqa iti baasani, AABBO Waaqi D'uga teenna jed'ani.


inni nu baase. Maro huji dansa nu hojannefiniti, ammo maro naasu isaatiifi nu baase, Lubbu Qulqullooni nu d'iqe, isiini d'aloota hareesafi jireenna haraa nuu kennite.


Inni nu baase, jireenna qulqullo iti nu yaame, maro nu waan dansa tolchinefiiniti, ammo maro fed'ifi eeba isaati. Inni eeba tana ato lafa inuumiini Kristo Yeso keesa nuu kenne,


Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.


Tanaafi anini guddo owe gumi Yeso balleesu malad'e. Yo nami Seera gula deemu d'uga argate, yoosi anini wollaala tokole inqabu.


Wonti akanatiifi yo nami garaa ufitiini d'ugefate d'uga argata, afaani ufitiini himate baafama.


Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.


Gaafa inni hayyu tahu, worri Yuda soda nyaapa jalaa bahe, worri Israelileeni nagayaani taa. Maqaani isaani yaamani AABBO Waaqi d'uga keenna.


Lafa ira nami tokoleeni, ka hojja ch'ufa d'uga tolche wollaala inqamne, injiru.


Beena, waan jecha kana hubad'a, Anini naasu fed'a, sorio imfed'u. Anini nama daba male, nama d'uga yaamu ind'umne.


Nuuni ch'ufti aka hooliye banne, abbu kara ufi gula bahe. Ammo AABBO Waaqi ch'ubbu teenna ch'ufa isa ira kaye.


Ana hojattu tante qorsumati ingeesini; wonti akanatiifi nami tokoleeni ka si durati ch'ubbu inqamne injiru.


Eenu nami dandae wollaala ufii argu? Ee AABBO Waaqa, wollaala kiyya, ka nami ingarre, naa araarami!


Ammo worri ch'ufti yayu akuma takaa kara iraa gore waan hamtu tolche. Worra keesa nami tokoleeni ka waan dansa tolchu injiru.


Ammo Hezekiani aka hama kiyyibe, galata wollaale, waan AABBO Waaqi tolche ded'e, jennaani wollaali isaa suni Yudafi Yerusalemu badi itiini d'ufe.


Hojja worri kanke siti ch'ubbame — qarale nami ch'ubbu intolchine injiru — duuba atini dallansu keesa harka nyaapati worra kennite, nyaapi suni worra boojie lafa d'ibiti geese, ato lafti suni fagole taate,


AABBO Waaqi waan lubbu qaba, ka lafa gubba jira ch'ufa balleese — nama taanaani, bineensa taanaani, waan lafa ira lohule taanaani, ammalle simpirrele taanaani. Nuhufi waan isa woliini hobolo keesa jiru ch'allati hafe.


Nami daba tolchu ch'ufti yayu seera Waaqa ch'abse, wonti akanatiifi daba tolchitini seera ch'absiiti.


Maqaani kiyya Simoni Petro, anini hojattufi ergattu Yeso Kristo. Anini tatabe tana gara worra d'uga Waaqaatiifi ta Qarqaarsa Yeso Kristotiini d'ugefacha dansa aka teenna argateti t'aafa.


Nuuni ch'ufti wollaala heddu tolchina. Nami, waan jed'u keesati, wollaala intolchine qit'e jira, dandae nafa ufi ch'ufa qorqorata.


Duuba waan lamati jira, ta injijiramneefi ta Waaqi dandae irati inkiyyimne.


Andronikofi Yunia, worra gosa tiyya, ka na woliini hid'ani, nagaya naa fuud'a; ergattu keesa worri gurra qaba, ato anini Kristiana intahiini worri tahe.


Tanaafi akuma dabi maro duisatiifi nama mohate, akasuma eebiti Waaqaleeni maro d'ugatiifi nama mohatte maro Yeso Kristo Aabbo keennatiifi jireenna nuu kenniti.


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


Anini guyya dabsacha ya gad'ieese. Guyyaani sunini fago injiru. Baafami kiyya inturu. Anini Yerusalemu baase, achiti worra Israeli gurra iti tolcha.


Jennaani anini waan jed'e, Anini ya fafae, ya lafaa badde. Wonti akanatiifi arabi kiyya ch'ubbu ch'alla dubbata, nami nu woliini teenuuleeni ch'ubbu male waan d'ibi indubbatu. Ammo amma anini ila tiyyaani yayu AABBO Waaqa hayyu gudda, arge!


ammalle gaafa jari jaaroleeni Babiloni isati ergite d'ufe waan akheekha waaqi tolche isa odeefate, Waaqi Hezekia yalabahe, aka akasiini isaa ilaalate, waan garaa isaa keesa jira hubatu.


Waaqi nama dubbi seera tana ch'ufa jabeese inguunne ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite