Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Filipi 3:12 - KITAABA WAAQA

12 Anini waan kana qara argad'e injed'u, yokhaani Ya qit'oome injed'u. Ammo guddo barbaada aka argad'u, waan Kristo Yesoni duriyu na barbaade na argateefi.

Gade chapit la Kopi




Filipi 3:12
44 Referans Kwoze  

Atini waan nati kakhate ch'ufa inguuta; ee AABBO Waaqa, jaalalti tante haga jirtu ind'umatu. Huji atini iti keeyate illakisiini, hobaasi.


Koota, jabaanne aka dansaa AABBO Waaqa baranna. Inni akuma lafti bariitu yokhaani akuma ganni woga gula roobu nuti d'ufa.


Kakhu tana ch'ufa nuu khakhatani, jaalaani tiyya! Tanaafi waan nafafi lubbu t'ureesa laganna, qulqulloomne soda Waaqaa keesa tau malle.


AABBO Waaqi waan jed'u, Isani ka baafama barbaada nati d'uftani, na ch'aqasa. D'akha isani keesaa baatanifi boola isani keesaa qotani qaabad'a.


Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


Ato lafa inuumiini, Waaqi ya Kristo keesa nu fohate, aka nu qulqulloomne wollaala male isa dura yaanu. Maro jaalala isaatiifi


Akuma taatefu, d'uga nu qara arganne gula nu yaasa.


Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.


Nuuni ch'ufti wollaala heddu tolchina. Nami, waan jed'u keesati, wollaala intolchine qit'e jira, dandae nafa ufi ch'ufa qorqorata.


Jabaad'a, aka nama ch'ufa nagayaani woliini teetani, jireenna qulqullo barbaaddani; wonti akanatiifi nami tokoleeni, qulqullooma male, Aabbo inargu.


Wonti nafi keenna fed'u waan Lubbuuni feetuuniti; waan Lubbuuni feetule nafi imfed'u: worri wolii nyaapa, tanaafi waan tolchu feetani dandeetani intolchitani.


Nami waan d'uga qabu ufi sehu, haga qara ira waan d'uga qabu ufi seha.


Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.


Hojja ch'ufa maro teesaniifi Waaqaa galata deebisu malle, isani oboleyaani Aabbooni jaalatu. Wonti akanatiifi Waaqi haguma qara isani fohate, aka baafamtani, waan Lubbuuni isani qulqulleesite isani d'uga fud'attaniifi.


Wonti inni waan kana tolcheefi aka gumi Waaqa ch'ufa huji Waaqaati kurfeesu, aka nafa Kristo jaarani.


Nu hojja laamne ammo isani jabaattani ingammanna. Tanaafi nu Waaqa kad'anna, aka isani qit'e taatani.


ammo yo wonti qit'e d'ufte, ta qit'e intahiini imbaddi.


Karaani worra d'ugaa akuma biiftu ganama ifsa, ta haga lafti guyyatuti ifsuma ifsitu.


Anini guddo jabaad'e gorsa kanke gula deemuu fed'a!


Anini guddo Mana kanke seenu fed'a anini guddo Mana AABBO Waaqa seeniiti d'araa. Garaa kiyyafi qalbi tiyya ch'ufaani anini gammade, Waaqa jiruu faarsa.


Anini siti marad'e, harki keetileeni jabeese na qaba.


Qorqorad'a, aka nami tokoleeni haalo woli imfuune, hojja ch'ufa waan dansa wolifi nama d'ibile tolcha.


Kara kanaani yayaba hori ka hegeri namaa tahu tolfatani. Duuba akanaani jireenna d'uga argatani.


Ammo Aabbooni waan isaani jed'e, Beeni d'aqi, anini yayu isa fohad'e, aka inni maqa kiyya gosa d'ibiifi hayyootafi ijoolle Israelile durati odeesu.


ammalle duri huji dansa hojatte gurra dansa qabaachu malte: niiti ijoolle ufi aka dansa guddifatte, keessuma gololchite, miila gumi Waaqa d'it'e, nama gaargala qabu qarqaarte, ufi baafte, huji dansa ch'ufa hojatte ha taatu.


D'ugaani gaadisa korati deebite, nami d'uga qajeelani ch'ufti isi gula deema.


Isani la jila ilmaani angafa ta Waaqati d'uftani, ta maqa isaani gara Waaqa gubbati t'aafani. Isani la Waaqati d'uftani, ka dubbi nama ch'ufa qoru, lubbu worra d'uga ka qit'eele.


Akuma hiddini bisaani qabanao d'uddu d'araatu, aninileeni akasuma sii d'araa, ee Waaqa.


Isani qit'e tahu maltani, akuma abbaani keesani ka gubba qit'e.


lafa gubbatiifi lafti gadileeni — wonti tokoleeni ta jaalala Waaqaatiini gargari nu baaftu injirtu, ta maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi teenna taate.


Woldogoomsu keesa nama hedduti oria, ammo toko ch'allati wo argata. Akasi imbeetaniyu? Aka wo argattani utaala duuba.


Wonti nu amma agarru kunini fakeenna dawiti keesaa ka aka dansa imullanne fakaatti; ammo gaafasi aka dansa wolagarra. Wonti anini amma tana beekhu qit'eniti; ammo gaafasi qit'oofti, akuma Waaqi naani beekhu qit'oofti.


Maqaani keenna Paulofi Timotheo, hojattu Kristo Yeso. Gara gumi Waaqa ta lafa Filipi keesa jirtu, ta Kristo Yeso d'ugefattu, jaarole gumitiifi jara gumi Waaqa hojatu woliini:


Wonti akanatiifi nami qabanqaba d'uga argate nuu, worraaniti; nu Waaqa lubbu isaatiini kad'anna, ammalle jireenna keenna ka Kristo Yeso keesatiifi gammanna; aada namaa ta nafa ind'ugefannu.


Waan kana ch'allaaniti; maro lubbu Aabbo kiyya Yeso Kristo ta waan ch'ufa ira guddotiifi: maro isiitifi anini ya waan ch'ufa lakise. Waan ch'ufa anini aka huura herega aka akasiini Yeso argad'e,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite