Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Filipi 2:29 - KITAABA WAAQA

29 Aka oboleesa Aabbo keesa isa fud'ad'a. Nama akana kana ch'ufa ulfeesa;

Gade chapit la Kopi




Filipi 2:29
21 Referans Kwoze  

Jaarole ta nama dura yaate huji dansa hojattu hori gudda baasuufi malani, keesuma worra aka dansa hojate nama barsiise dubbi odeesu.


Nu isani kad'anna, oboleyaani, aka isani worra Aabbooni fohate, ka isani barsiise gorsu, ch'eertanifi fokitani.


ammalle garaa na jabeesani, akuma isanile garaa jabeesani. Nama akana kana ch'ufa ulfeesu malani.


Maqa Waaqaatiini, aka gumiini Waaqa tolchu malte, isi fud'ad'a, ammalle d'ipu isiini qabdu ch'ufa baasa, waan isiini anaafi nama d'ibile guddo qarqaarteefi.


Wonti akanatiifi nami, yo Waaqi waan isaa dansa heregu ch'alla dansa taha, yo inni waan ufi dansa hereguuniti.


Yo Timotheoni isaniini bahe, isa bulcha, maro inni akuma anini Aabbo hojad'u hojatuufi.


Yo anini d'ufe, waan inni tahe ch'ufa diidati baasa, waan hamtu inni nu tolcheefi kiyyiba inni dubbate! Ammo wonti kunini isa ingeetu; yo oboleyaani d'ufte inni worra ind'ieesu, ammalle jara worra d'ieesu fed'ule d'owe gumi keesaa baasu fed'a!


Nama isani dura yau saalfad'a, dubbi worraa ch'aqasa. Worri hojja ch'ufa lubbu teesani qorqorata, maro Waaqi waan worri tolchu worra gaafatuufi. Yo isani worraa saalfattani, worri gammadaani huji ufi hojata; yokhaani lalefachaani hojata, lalefachaani sunini woma isani imbaatu.


Aristarkoni, ka hid'aansa keesa na woliini jiruufi Marikoni, dubriini Barnaba, nagaya isanii d'aamani. Isani ya qara d'aamsa waan isaa d'ageetani, aka yo inni d'ufu isa bulchitani.


Garaa keesani keesati fulla nuu mid'aasa. Nu wollaala namutu intolchine, namu imballeesine, yokhaani woma nama ira imfud'anne.


Dubbi akamiini odeesani yo nama odeesu inergiini? Akuma t'aafiini jettu, Miili worra odu dansa odeesu akami mid'aaga!


Worri guddo wo nuu kenne, guyya nu kaanele worri waan nu feenu ch'ufa nuu kenne.


Akanaani gammadi guddaani dira suni d'ufe.


Guyya ch'ufa Mana Waaqa keesati wolwoldaani sagale mana woli keesati nyaatani garaa gammadatiifi d'ugaatini woliini taani,


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami nama ani ergu fud'ate, nale ya fud'ate; ammalle ka na fud'atu nama na erge fud'ata.


Nama isani inulfeesiini, yo dira suni keesaa kaatani, awaara miila iraa d'ad'aad'a, aka akheekha worraa taatu.


Miili worraa odu dansa nagaya odeesu akami mid'aaga! Inni baafama odeese waan Sionini jed'u, Waaqi kanke hayyu lafa mohatu!


Tanaafi anini guddo gara keesani isa ergu fed'a, aka hojja isa argitani gammaddani, naasuuni tiyya baddu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite