Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Filipi 2:13 - KITAABA WAAQA

13 Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.

Gade chapit la Kopi




Filipi 2:13
39 Referans Kwoze  

Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


Wonti nu keesa jira, ta aka nu waan kana tolchu dandeennu agarsiiftu injirtu. Jabeenni nu qamnu fulla Waaqati d'ufa:


Inni nu baase, jireenna qulqullo iti nu yaame, maro nu waan dansa tolchinefiiniti, ammo maro fed'ifi eeba isaati. Inni eeba tana ato lafa inuumiini Kristo Yeso keesa nuu kenne,


Tanaafi wonti nami tolchu yokhaani fed'u woma keesa injirtu, ammo naasu Waaqaati waan ch'ufa dura jira.


Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche.


Yohanani waan jed'eeni, Nami dandae woma inargatu, waan Waaqi kenne male.


Waan ch'ufa fed'i herega Waaqa gula tolchani ammalle Waaqi fed'i ufitiini Kristo keesa nu fohate nama ufi nu tolfate, herega isaa ka qara kaani gula.


Humna hedduti ta woiini hojatani jira, ammo Waaqa toko ch'allati humna woiini hojatani nama ch'ufaa kenna.


Wonti nu hojja ch'ufa Waaqa isanii kad'annuufi tana. Nu Waaqa keenna isanii kad'anna, aka isani jireenna inni iti isani yaame argattani. Jabeenna isaatiini inni yaada dansa ka isani feetani isanii kenne huji teesani dansa ta d'ugefacha guutinna.


Waaqi ya qara nu fohate, aka kara Yeso Kristotiini ufitiini nu d'ufe ilmaani ufi nu tolfatu, fed'i isaa gula.


Maro eeba Waaqaatiifi isani baafama argattani, kara d'ugefacha gula. Waan isani ufiini tolfattaniiniti, ammo tola Waaqi isanii kenne.


Inni saala nu kenne, aka nu hojja ch'ufa waan inni fed'u taane aadaafi seera isaa ka inni ababoota teennaa kenne guunnu nu tolchinna.


D'araa anini woini horad'uniti, ta anini seera keetiini guutu naa kenni.


Insodaatiina, gumi diqo! Wonti akanatiifi Abbaani keesani Finna isaa isanii kennu fed'a.


Waaqi waan qara herege tolche, waan d'ossa, ka inni Kristoni, guutu duratu nu beesise.


Inni ammalle waan jed'e, Maro waan kanatifi anini ya isaniti hime, nami tokoleeni dandae gara kiyya ind'ufu, yo Abbaani tolcheefi male.


Duuba worri gumi tiyya tahe aninileeni Waaqa worraa taha.


Ammo Waaqi aka ilmaani lamaani tana keesa, hujiini isaa gurba tokooni guutamtu, gurba toko fohate waan haad'aani jed'e, Angafati maand'icha hojata. Waaqi maro waan dansa gurbaani tolcheefi isa infohanne ammo fed'uma ufitiifi fohate.


Wold'aqisi haraai anini worra Israeli woliini tolfad'u kana; anini seera kiyya qalbi worra keesa kaye, garaa worraa keesati t'aafa. Anini Waaqa worraa tahe, worrileeni gumi tiyya taha.


AABBO Waaqi akuma yaasuma galaana qajeelchu, herega hayyule qajeelcha.


Ganna Koreshini hayyu Ajemi tahe, AABBO Waaqi dubbi duri raaga Yeremiani jed'e guute. Inni herega kana Koreshitini d'ufe jennaani inni qonqo tana t'aafe, qonqo suni lafa inni Mohatu ch'ufati lalabani keesati soomani.


Ezrani waan jed'e, AABBO, Waaqa ababoota teenna, ha faarsani inni yayu hayyicha waan dansa qaabachise, aka inni akanaani Mana Waaqa ka Yerusalemu mid'aasu.


Jennaani jari balbala gosa Yudatifi ta Benjamini mata qaaloleefi worra Lawitifi nama ch'ufa ka Waaqi herega isaa qajeelcha woliini kaani, Mana Waaqa ka Yerusalemu jiru mid'aasani jaaru d'aqani.


Waaqileeni worra Yudale qarqaare, worra ch'ufa garaa takaa tolche, aka worri fed'i isaa gula yae jecha jaaroleetifi ka hayyu guutu.


T'aafi raaga keesa waan jed'ani, Nama ch'ufa Waaqi imbarsiisa. Nami dubbi Abba d'agaye barate ch'ufti gara kiyya d'ufa.


Ee AABBO Waaqa, nami nagaya namaa kennu sii, wonti nu tolchinu ch'ufti, waan atini tolchite iraa baati.


Waan hamtu tolchu na d'owi, worra ch'ubbule iraa na fageesi. Haga anini jiru jila worrale keesaa sagale soorachu na d'owi.


Hayyichi waan nani jed'e, Maani feeta re? Jennaani anini Waaqa gubbaa kad'ad'e.


Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,


Jabeenni Aabbo worra woliini jira, nami hedduuni d'ugefate Aabbooti deebie.


Guyya atini nyaapa kanke haatu, nami kanke ufi gabaasa. Akuma fit'eesa ganamaa, kaima kanke gaareeni kanke qulqullo irati siti d'ufa.


Waaqi waan kana maro lamafi sadi fa tolcha;


Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.


Maro eeba Waaqi naa kenneefi anini waan isani ch'ufaani jed'u: Ufi saaddani ufi inguddisiina. Ammo herega keesani keesati ufi diqeesa, ammalle nami ch'ufti d'ugefacha Waaqi isaa kenne gula ha ufi qoruuti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite