Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 99:5 - KITAABA WAAQA

5 AABBO Waaqa keenna faarsa, barch'uma isaa dura koota, isaa kad'ad'a! Isumati qulqullo!

Gade chapit la Kopi




Faaru 99:5
15 Referans Kwoze  

Nu waan jenne, koota, Mana AABBO Waaqa d'anne, barch'uma isaa durati isa kad'anna.


AABBO Waaqi waan jed'u, gubbaani barch'uma kiyya, lafti fulla anini miila d'ad'abad'u. Mani isani naa jaartani me re? Fullaani anini hafuura iti baafad'u eesa taati?


Ee Waaqa, jabeenna kanke gubbati garsiisi, lafa iraleti guddinna kanke garsiisi.


AABBO Waaqa wolumaani guddimne maqa isaa wolumaani faarsina!


AABBO Waaqi irre jabdu na qorqorattu; inni ya na baase. Waan inni Waaqa abba kiyyatiifi anini isa faarsa. Waan inni Waaqa abba kiyyatiifi anini isa guddisa.


Ee AABBO Waaqa, atini Waaqa kiyya; anini si guddise maqa kanke faarsa. Atini yayu waan mama tolchite, waan duri malatte ch'ufa aka dansaa guute.


Guyyaani ind'ufa, ka biyyiti sirbite akana jettu: AABBO Waaqaa galata deebisa! Qarqaarsa isaa kad'ad'a! Waan inni tolche gosa ch'ufati odeesa! Aka maqaani isaa jaba biyyati hima!


Nami ch'ufti ha maqa isaa gudda jaba faarsuti; inni qulqullo!


Atini Waaqa kiyya anini galata sii deebise guddinna kanke odeesa.


Worri guddinna isaa gumi keesati odeese, kora jaarole keesaleti isaa faarsuu male.


AABBO Waaqa keenna faarsa, gaara isaa qulqullo irati isa kad'ad'a! AABBO Waaqi keenna qulqullo.


Ee AABBO Waaqa, nu jabeenna kanke faarsina, ammalle sirbineti irre tantele faarsina.


waan atini gumi Israelini jettu, qulqullo taha, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi keesani, Waaqa qulqullo.


Daudini olkae waan jed'eeni: Jaarole, gosa tiyya, na ch'aqasa. Anini mana jaba, Sanduqa Wold'aqisa keesa kayani, ka AABBO Waaqi miila keesa d'aabatu, jaaru fed'e. Anini miha mana isaatini jaaru kurfeese,


Ammalle worri kiyya ya aka na lakisu kutate. Worri, Qaampara nuraa fuud'a jed'e iyya, ammo nami worra iraa fuud'u injiru.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite