Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 99:3 - KITAABA WAAQA

3 Nami ch'ufti ha maqa isaa gudda jaba faarsuti; inni qulqullo!

Gade chapit la Kopi




Faaru 99:3
20 Referans Kwoze  

Woli yaamani waan woliini jed'ani, Qulqullo, qulqullo, qulqullo! AABBO Waaqi guddaani qulqullo! Lafti ch'ufti guddinna isaatini guutamti.


Yo isani dubbi seera, ta kitaaba kana keesati t'aafani, jabeesitani guutu diddani, ammalle maqa jaba ka AABBO Waaqa keesani ka guddisani ulfeesani sodaachu diddani,


Inni gumi isaa balchoomse, wold'aqisa haga jiru jireenna woliini tolfate. Inni qulqullo ammalle jabeenna qaba.


Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.


Anini amma tana lafa keesa intau, ammo jari kunini lafa keesa taa; anini gara kanke d'ufa. Ee Aabbo qulqullo jabeenna kanke ka atini naa kennite sunini worra qorqorad'i aka worri akuma kenna taka tahu.


AABBO Waaqi waan tolchu ch'ufa d'ugaani tolcha; waan tahu ch'ufa keesa naasu qaba.


Waan isani Waaqaani jettani, wonti atini hojattu ch'ufti waan mamaati! Irreeni tante guddo jabdu tanaafi nyaapi kanke mudame si durati qanch'oorata.


Anini aka biyyiti mudamte arge jennaani, waan worraafi jaaroleefi gugurda worratiini jed'e, Nyaapa keenna ind'eetina. Qaabad'a, aka AABBO Waaqi ireefi jabeenna qabu; gosa teesanifi ilmaani teesanifi nad'eeni teesanifi olla keesanii jed'a, nyaapa had'a.


Ee AABBO Waaqa gubbaa, Waaqa gudda, ka dandae nami sodaa si dura inejine ka nama jaalate seera kanke guutu wold'aqisa woliini tolfatani jabeesitu;


Ammo Yoshuani waan biyyaani jed'e, Isani dandeetani AABBO Waaqa inhojattani; inni Waaqa qulqullo, daba keesanile isani inaraaramu. Hojja waaqa d'ibi isa biraani kad'attani, inni dandae inoobsu.


Tanaafi worra kana insodaatina. AABBO Waaqi keesani isani woliini jira; inninu Waaqa gudda ka sodaatani.


Lafa Yuda keesati Waaqi ya beekhame; Israeli keesati maqa isaa guddisani.


Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.


Ammo ee, AABBO Waaqa, atini ka irreefi jabeenna qabdu kalcha tiyya, tanaafi nami na gaargalchu na dabsachu dad'aba. Worra haga jiru jireenna ch'eersani, waan tokole dabsachu dad'aba. Ch'eera worra haguma jirani inded'ani.


ilmaani hayyoota ta ufi gugudiftule, diqeese, hayyoota gugurdole mudamsise.


Ee Waaqa, Waaqa keenna, guddinni kanke waan akami! Jabeenni kanke akami nama naasise nama mudamsiisa! Atini kara d'ugaatini kakhu duri nu kakhate ch'ufa guuta. Haguma duri bara hayyooti Ashuru nu dabsite haga arrale, nu akasuma gaargala qamna! Hayyootafi jaaroleefi qaaloleefi raagootafi ababootafi gumiini teennaleeni ch'ufti la guddo gaargalte; gaargala keenna gudda suni qaabad'i!


Jari Lawi kunini Yeshua, Kadmieli, Bani, Hashabneya, Sherebia, Hodia, Shebaniafi Pethahiyaleeni waan biyyaani jed'ani: Olkakaa, AABBO Waaqa keesani haga jiru jireenna faarsa! Nami ch'ufti ha maqa isa gudda faarsu, ato faaruni isa geetu jiraachu baatele.


Balbala Mana Waaqaa seena, galata isaa deebisa, naabo isaa seena, isa faarsa. Galata isaa deebisa, maqa isaa faarsa.


Ee lubbu tiyya, AABBO Waaqa faarsi! Ee nafa kiyya ch'ufa, maqa isaa qulqullo faarsi!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite