6 Guddinnaafi ulfinni kama isaati, jabeennaafi mid'aagumti fulla inni tau jirti.
Ee lubbu tiyya AABBO Waaqa faarsi! Ee AABBO Waaqa kiyya, atini akami gudda! Atini guddinnaafi ulfinna uyifate, ifsa woyaa tolfate.
AABBO Waaqi hayyu. Inni guddinnaafi jabeenna uyyifata. Lafti fulluma ufii ejiti, dandaani inchochoosani.
Guddinnaafi ulfinni kama isaati, jabeennaafi gammadi fulla inni tau jira.
Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.
Waaqi dira Sioni, ka guddo mid'aagu keesa ifsa.
Qonqooni AABBO Waaqaa mukha jaba chochoofte mukha baddale obeensa iraa jissiti; Mana isaa keesale nami ch'ufti, Waaqa ha guddisani jed'e lalaba.
Anini waan toko ch'alla AABBO Waaqa kad'ad'a, waan toko ch'alla isaa iraa fed'a: aka haga jiru ch'ufa mana AABBO Waaqa keesa tae mid'aaguma isaa mame, Mana isaa keesati isa kad'ad'u.
Gubbaani guddinna Waaqaa nama garsiifte, waan inni harka ufiitini mid'aase namati himti.
Ee AABBO Waaqa keenna, gurri kanke ya lafa ch'ufa gahe! Faaru si faarsani gubbaleeti ind'agayani;
Lubbuuni tiyya d'uafi gabbinna soorate quufti, ammalle anini gammade, sirbe maqa ke faarsa.