Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 94:2 - KITAABA WAAQA

2 Atini nama nama ch'ufa qoru; kai, waan kiyyiba malle kennifi!

Gade chapit la Kopi




Faaru 94:2
23 Referans Kwoze  

Ee AABBO Waaqa, dallansu tanteetiini lafaa kai! Nyaapa kiyya, ka nati dallanu kana, kai balleesi; lafaa kai na qarqaari! Wonti atini nama iraa barbaaddu aka nami d'uga gula deemu.


Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale.


Ee gumi isaa, ta isa d'ugeefatu, AABBO Waaqa jaalad'a. AABBO Waaqi nama isa d'aabatu qorqorate, nama ufi saadu haalo baafata.


Atini nama ch'ubbu inqamne dandeete ka ch'ubbu qabu woliini inhobaaftu. Suni sii imfakaattu. Yo atini akasi tolchite, ka ch'ubbu qabuufi ka ch'ubbu inqamneleeni woliini hobaa. Wonti kunini diqole intaatu. Jaallabi lafa tana ch'ufaa waan d'uga intolchu?


Akasuma isani kaimi, jaarole saalfachu maltani. Nami ch'ufti ha ufi diqeese woli hojatu; wonti akanatiifi Waaqi worra ufi guddisuuni morka, ammo ka ufi diqeesu ineebisa.


Ammalle worri Israeli nyaapa ufii ch'ufa dabsate had'e balleesa.


Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.


Anini yayu kiyyiba kanke suni d'agaye tanaafi amma kiyyoofi lugama siti kaye si hirkise kara atini d'ufte kaani si deebisa.


Nama atini arabsite goyeesite kana eenu seeta? Nami atini tufate sunini anuma, Waaqa Israeli qulqullo.


Ammo AABBO Waaqi waan jed'u, gaafa anini huji tiyya gaara Sioni gubbafi Yerusalemu keesale hobaasu, anini hayyu Ashuru ingaargalcha, waan inni akasi kiyyibe ufi olfuud'eefi.


Kiyyiba nama ira kutani saadu nami ufi saadule iraa balleesani. Waan harkaani boch'ani kad'atani qulqullumaa lafaa d'abani, guyya suni AABBO Waaqa ch'alla guddisani.


Ee Waaqa, kai, ufi dubbad'i, qaabad'i aka worri si imbeenne hojja ch'ufa si koblu.


Waaqi ha kae nyaapa ufii gargari firfirsuti, nami isaa jibbu ha isa duraa baqatuti.


Gubbaani aka Waaqi d'ugaatifi aka nami dubbi namaa qoru isaa, odeesiti.


Atini Waaqa keenna, worra kana balleesi, nu irree duula muumme inqamne kanani haanu inqamnu. Nu waan taanu imbeennu, yo atini nu qarqaarte male.


Ee Waaqa, kooti lafa mohad'i; gochiti ch'ufti teeti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite