1 Ee AABBO Waaqa, aki galata si deebisani akami dansa! Ee Waaqa gudda, aki maqa kanke faarsanileeni waan akami dansaa.
AABBO Waaqa faarsa! Aki Waaqa keenna faarsani guddo dansa: faaruni isaa waan dansa ta nami hojja ch'ufa d'aachu male.
AABBO Waaqa galata deebisa maro inni dansatiifi: jaalalti isaa haguma jirtu ind'umatu!
Dubbi faarutiifi ta sirba Waaqaatiini wolhasaa; faaru Aabbo garaa keesani keesati gammadaani d'ahad'a.
AABBO Waaqi dansa, isa faarsa, inni naasu qabaa tanaafi maqa isaa faarsa.
Isani worri d'ugaa, waan AABBO Waaqi isanii tolche jed'a gammadaa sirba; isani nami isaa saalfatu ch'ufti isa faarsa.
Ammo anini gama kiyyaani, yo Waaqati d'iaad'e, guddo ira naa jirti; nami anini iti baqad'u AABBO Waaqa gudda; waan atini tolchite anini biyyati odeesa.
Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worra tolchele galata deebisuu male.
Waan atini naa tolchite ch'ufa anini galata sii deebisee, gumi tante durati dansuma tante odeesa.
Waaqi guddaani abba kanke Nebukadreza hayyu gudda tolche guddinnaafi ulfinna kenneefi.
Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.
Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worraa tolchele galata deebisuu male.
Ee AABBO Waaqa, anini gammadaani sorio sii baase, maro dansuma teetifi galata sii deebisa.
ammo ee AABBO haga jiru jireenna si guddisani.
Galata deebisitiini sorio nani guddisani; aninileeni nama naa saalfatu ch'ufa imbaasa.
Anini waan jed'e, Isani ch'ufti waaqa, ilmaani Waaqa guddaa.
Waan kanaafi nu hojja ch'ufa faaru teenna aka sorio Waaqaa baasu malle, maqa Yesotiini; akasi jechaani hojja ch'ufa qonqo teennaani maqa isaa faarsina.
Tanaafi boqota gumi Waaqa injira ammalle, akuma Waaqi guyya Sabato boqote suni.