16 AABBO Waaqi yayu d'uga gula dubbi qore akasiini ufi mullise. Ch'ubbichileeni ya hujuma ufiitini t'urura keesa ufi buuse.
Eegi anini gaargala gudda worra Misiriti buuse gosa tiyya ta Israeli dura deeme lafa keesaa baase, worri Misiri aka anini AABBO Waaqa aka d'ugaa beekha.
Nami hedduuni gufate, jige ch'ach'abe t'ururaani qaqaba.
Ch'ubbichi afaanuma ufitini t'urura seena, ammo nami d'ugaa afaanuma ufitini waan hamtu keesaa ufi baasa.
Adon-Bezekini waan jed'e, Hayyooti torbatama ta quba hagicho ka harkatifi ka miila ira ch'irani d'ieenna hamba mesa kiyya jalaa guurati. Waaqi amma yayu waan anini duri worra tolche na tolche. Yerusalemu isa geesani inni achiti due.
Duuba anini garaa Farao jabeesa, inni duuba isani reebe, anini isaafi gumi isaale dabsad'e, akasiini worri Misiri aka anini AABBO Waaqa beekha. Jennaani worri Israeli waan Musani jed'eeni ch'ufa tolche.
Atini takaa jechuma keetiini si qabani, afaanuma keetiini t'urura keesa buute?
Gumiini Sioni ha gammaddu! Atini qajeelumani dubbi qorta; dira Yuda keesati ha gammadani!
Dubbi tiyyafi heregi kiyya ha si gammachiisu, ee AABBO Waaqa, siida kiyyafi baafama kiyya!
Inni ch'ile bobeetufi aara gubbaa gabuuse ch'ubbicha gubbati rooba; bubbe woi gubduni worra gube balleesa.
Ee AABBO Waaqa, dubbi tiyya ch'aqasi, aka anini ufi jibbaad'e hafuura darbu d'agayi.
Amma tana ee AABBO Waaqa keenna, harka worra Ashuru kana keesaa nu baasi, duuba akasiini gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti, aka atini ch'allaani AABBO Waaqa beetu.
AABBO Waaqi guyyuma kana harka kiyyati si kenne anini sii d'ae mata sira kuta. Ammalle reefa askarti Filisti allaatiifi bineensa ala nyaachisa. Duuba akasiini nami lafa keesa jiru ch'ufti, aka Israeli keesa Waaqi jiru, beekha.
Worri Israeli aka Waaqi irree guddooni worra Misiri dabsate arginaani AABBO Waaqafi Musa hojattu isaale d'ugeefate.
Faraoni worrati d'iaate jennaani worri Israeli ufira millate, askarti Misiri ta iti gad'ufu jirtu arge guddo sodaate, AABBO Waaqati bohani
Tanaafi AABBO Waaqi amma dubbuma qara isani jettani taanaani isani barsiisa: Wo jed'a wo jejed'a, ufuma tae, akana taa, akana taa nuni jed'a. Duuba isani fulla ejatani ch'ufati ingufatani nafa keesani madeesani, t'ururaani qabani isani boojiani.
Nyaapa kiyya na dabsachu d'owi; soda worri na sodaachisu worrumati deebisi.
qaampari hirba isaa qabe isa chochou d'owa.
Duuba akanaani inni maruma ch'ubbu ufiitiifi gaargala argate, hameenni isaa matuma isaati deebia.
Jennaani hayyu Darioni tatabe nama gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufa, ka lafa ch'ufa keesa jiruti t'aafe waan jed'e, Nageenni isani bad'aad'a?