Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 9:10 - KITAABA WAAQA

10 Nami si beekhu, ee AABBO Waaqa, si d'ugeefata; nama siti d'ufu tokole atini indiddu.

Gade chapit la Kopi




Faaru 9:10
24 Referans Kwoze  

Waaqi waan jed'u, Anini nama na jaalatu baase nama aka anini AABBO Waaqa beekhu qorqorad'a.


AABBO Waaqi doofi jabdu nami d'ugaa d'eete iti bahu fakaata.


Isani na barbaadani, waan garaa tokooni na barbaadaniifi na agartani.


Amma nami siti d'eetu ch'ufti ingammada, guyya ch'ufa qilit'ameti sirba. Nama si jaalatu qorqorad'i, maro teetifi worri gammada qaba.


maro waan kanatifi anini akana gaargala. Ammo anini ammalle inch'eerfad'u, waan anini nama abdad'e beekhufi, ammalle imbeekha aka inni haga guyyaani gahuuti waan inni harka kiyyati kenne qorqoratu.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Ee Waaqa naa nahi anini siti baqad'a, naa nahi. Anini haga gaargali badii kunini hobauti, gaadisa koola keeti jalati d'okhad'a.


wonti akanatiifi AABBO Waaqi d'uga jaalata, gumi isaa qulqulloole illakisu. Inni haga jiru jireenna worra qorqorata, ammo ilmaani ch'ubbicha lafa keesa gussani.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


Ammalle jireenni hegeri kana: aka atini Waaqa tokocha d'uga si beekhani, Yeso Kristole ka atini ergite beekhani.


Anini d'ossani indubbanne, yokhaani herega kiyya nama ind'ofanne. Anini worra Israelitini, lafa duwa keesa na barbaada injenne. Anini AABBO Waaqa, ka d'uga dubbate waan qajeela namati himu.


Aka Waaqa beennu yo seera isaa guunne beenna.


Waaqi kiyya siida kiyya ka anini jalati d'eed'u. Inni wonte tiyya, na qorqorate na baasa, inni baafama kiyya, na qorqorate harka nama hama jala na baasa.


AABBO Waaqi nama d'ugaa qajeela baase guyya gaargala worra qorqorata.


Hiyyeesafi nami qarqaarsa inqamne guyya gaargala siti baqate, qarqaarsa siraa argata. Atini dao taateefi bubbe iraa d'owarte, gaadisa taateefi adu ira d'owarte. Nami hamani aka bubbe adolesa nama d'ae, akuma oola lafa gamooji nama qabata.


AABBO Waaqi dansa; guyya gaargala gumi ufii jabeese qorqorata; nama qarqaarsa isa ira fed'atu ch'ufa inuma tissa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite