Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 86:8 - KITAABA WAAQA

8 Ee AABBO Waaqa, waaqi d'ibiini ka aka keeti tokoleeni injiru, ka waan atini hojatte taka hojate injiru.

Gade chapit la Kopi




Faaru 86:8
16 Referans Kwoze  

Ee AABBO Waaqa, Waaqi d'ibiini aka kanke jiru eenu? Eenuti aka kanke qulqullooma gudda qaba? Eenuti waan mamatiifi huji jabdu aka kanke dandae tolcha?


AABBO Waaqa, gudda, anini imbeekha aka wonti atini na garsiiftu kunini iti keeyacha waan gugurdo nama mamsiisa, ka atini takaa tana tolchitu. Waaqi tokoleeni, ka waan guddo mama aka atini tolchite kana tolchu, gubbaafi lafale injiru!


Nami gubbaa jiru, ka aka kanke jiru injira? Worri gubbaa, nami si gahu, tokoleeni injiru.


Anini amma seera baasa: Yo nami gosafi d'alootafi afaani tateefu Waaqa Shadrakatifi ka Meshekitifi ka Abednego tufate arabse, nama suni ha harkaafi miila iraa ch'irani mana isale onsani balleesaniti. Waaqi d'ibiini tokoleeni ka dandae akana nama baasu injiru.


Ee AABBO Waaqa gudda, jabaani aka keeti tokoleeni injiru. Ee AABBO Waaqa, atini waan ch'ufa keesa d'uga tolchita.


Waaqi Yakobo aka worraa injiru; isumati waan ch'ufa uume, ammalle worra Israelile isumati fohate gumi ufi tolfate maqaani isaa AABBO Waaqa gudda.


Waaqa qulqullo, eenuni wolbira qabani? Nami aka isaa lafa keesa injira?


Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.


Waaqa eenuni woli bira qabani? Yokhaani eenuti dandae aka inni jiru namati hima?


Isuma ch'allati waan mama jabdu tolcha; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.


Tanaafi Harunini bisaani Misiri ch'ufa harka ira olqabate, raachi gabaafate lafa Misiri ch'ufa guute.


Anini Mana AABBO Waaqa kiyya keesati kad'atani jaara. Mana qulqullo suni keesa anaafi gochiti tiyya isa kad'anne, hit'aana urgaa aarsine, qit'a qulqullo guyya ch'ufa baamneefi, ammalle diiramafi galgala ch'ufafi guyya Sabatotifi guyya baatitifi guyya jila ch'ufa hori gumne sorio baamna. Duuba akasiini AABBO Waaqa keenna guddimna. Waan kana inni ya, haga jiru jireenna tolfad'a Israeliini jed'e.


Woldeenna worra qulqullo keesati si ulfeesani, worri suni ch'ufti si sodaata.


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Waaqa gudda, inni hayyu gudda, ka waaqa d'ibi ch'ufa ira jiru.


Anini imbeekha, AABBO Waaqi keenna gudda, inni Waaqa d'ibi ch'ufa ira jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite