4 Ee AABBO Waaqa, hojattu tante gammachiisi, wonti akanatiifi kad'achaani tiyya gubbati si d'aqabdi.
Diirama ch'ufa jaalala tante ta ind'umanne na qaabsisi wonti akanatiifi abdiini tiyya siuma. Anini si kad'ad'a kara anini deemu na garsiisi.
Ee AABBO Waaqa, anini si kad'ad'a.
Gammada baafami kanke namaa kennu naa deebisi, garaa sii saalfatu naa kenni.
nama Sioni keesati bohu jiru ch'ufa fulla laalala gammadafi qilit'ama kenne, fulla laalefacha faaru d'aachisu. Worri mukeeni AABBO Waaqi oobre fakaata. Worri ch'ufti waan dansa tolche, Waaqale waan inni tolcheefi faarsani.
Ee gumi tiyya hojja ch'ufa Waaqa d'uge fad'a, gaargala keesani ch'ufa iti hima, nami nu iti baqannu isa.
Maro waan anini uume sunifi, gammada, qilit'ama. Wonti akanatiifi Yerusalemu hareetiini anini uume fulla gammada taate, gumiini isiileeni gammadi.