1 Mani kanke akami dansa ee AABBO Waaqa gudda.
Anini waan toko ch'alla AABBO Waaqa kad'ad'a, waan toko ch'alla isaa iraa fed'a: aka haga jiru ch'ufa mana AABBO Waaqa keesa tae mid'aaguma isaa mame, Mana isaa keesati isa kad'ad'u.
Ifsafi d'uga tante naa ergi; ha na dura deemani, gaara kanke qulqullo Sionitiifi. Mana kanke qulqullo atini keesa teetuti na deebisaniti.
Nu sagale guddo atini nu kennite sooranne; dansuma tante ta aka galaana yaatu d'unna.
Anini worri, Beeni, Mana AABBO Waaqa nu yaasi nani jennaani guddo gammade.
Ee AABBO Waaqa keenna, gurri kanke ya lafa ch'ufa gahe! Faaru si faarsani gubbaleeti ind'agayani;
haga anini AABBO Waaqa, Waaqa gudda Yakobo, fulla inni iti galu jaaruti.
Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.
Ammalle Mikayaani waan jed'e, Amma waan AABBO Waaqi jed'u ch'aqasi! Anini AABBO Waaqa ka barch'uma ufi ira tau gubbati arge, ka malaikaani isa mirgaafi bita isaa enjaanjitu.
Gammada, Waaqa jabeenna nuu kennu sirba, Waaqa Yakobo faarsa!
Akuma hiddini bisaani qabanao d'uddu d'araatu, aninileeni akasuma sii d'araa, ee Waaqa.