Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 81:9 - KITAABA WAAQA

9 Isani Waaqa d'ibi ka gochiti d'ibiini kad'atu, diqole kad'achu himmalle.

Gade chapit la Kopi




Faaru 81:9
12 Referans Kwoze  

Anini waan taha hime, duuba isani qarqaaru d'ufe. Waaqi d'ibiini taka waan akana kana intolchine, isani naa d'uga.


AABBO Waaqa ch'allati gumi ufiitini deeme, ka qarqaarsa waaqa d'ibi inqamne.


Waaqoota d'ibi, worra d'aatu teesani jiru, gula iyyaaiina.


Worri Yuda ya waan Waaqa tolchina jed'e tolchu dide, waan hamtu d'ibi Yerusalemufi lafa Israeli ch'ufa keesati tolche. Worri yayu Mana AABBO Waaqaa, ka inni jaalatu, t'ureese. D'iirti yayu dubra worra waaqoota d'ibi kad'atu fuute.


Ato nu sila Waaqa keenna lakimne, waaqa d'ibi harka dura qabanne,


waan jed'e, Yo isani AABBO Waaqa keesani d'ageetani waan inni fed'u guutani waan d'uga tolchitani seera isaa jabeesitani, anini d'ukuba worra Misiritiini d'ufe suni tokoleeni isani ingaargalchu. Wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa, ka isani fayyisu.


Ammalle Mikayaani waan jed'e, Amma waan AABBO Waaqi jed'u ch'aqasi! Anini AABBO Waaqa ka barch'uma ufi ira tau gubbati arge, ka malaikaani isa mirgaafi bita isaa enjaanjitu.


Gumi tiyya, na ch'aqasa, anini woi jechu fed'a, ee worra Israeli, anini isani himad'a, anini Waaqa, Waaqa keesani.


Qonqo tiyya ch'aqasa, dubbi tiyya gurraa keesa keeyad'a.


Ee Israeli, dubbi AABBO Waaqi isaniti himu d'agaya. AABBO Waaqi nama lafa tana keesa tau akana himata: Lafa tana keesa nami wold'ugefate yokhaani woljaalatu injiru, yokhaani ka Waaqa beekhuleeni injiru.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite