2 Sirba, dibbeefi kiraari d'aa, faaru dansa d'aad'a.
Duuba eegi sirba toko sirbani, worri gaara Ejersa jed'ani d'aqe.
Jennaani Miriamuuni, oboleetiini Haruni, ta raaga, dibbe fuute, nad'eeni d'ibileeni gabaate dibbele guuratte isi gula yaate sirbite.
Nami gaargala qabu jiddu teesani keesa jira? Ha Waaqa kad'atuuti. Nami gammada qabu jira? Ha faaru d'ahatuuti.
Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.
Dubbi faarutiifi ta sirba Waaqaatiini wolhasaa; faaru Aabbo garaa keesani keesati gammadaani d'ahad'a.
Ammalle Maaseya, Shemaya, Eleazari, Uzi, Yehihanani, Malkia, Elemu, Ezeri. Sirbituni, ta Yezrahiyani iti mataa, lalabde sirbite.
Ee irre tiyya anini si faarsa, atini Waaqa kiyya ka anini iti baqad'u, Waaqa hojja ch'ufa na jaalatu.