Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 81:10 - KITAABA WAAQA

10 Anini AABBO Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase. Afaani keesani na dura qabad'a, anini isani quubsa.

Gade chapit la Kopi




Faaru 81:10
16 Referans Kwoze  

Yo isani na keesa teetani dubbini tiyya isani keesa teete, waan feetani ch'ufa kad'ad'a, isanii kennani.


Inni nama d'eebu qabu d'eebu baase, ka beela qabule beela baase quubse.


Anini AABBO Waaqa kanketi, ka lafa Misiri fulla atini tisse iti tate keesaa si baase.


Guyya eege, ka jila suni jaba, Yesoni olejate lalabe waan jed'e, Nami yo d'eebote, gara kiyya d'ufe bisaani ha d'ugu.


Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.


Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.


Guyya suni woma na ingaafattani. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Waan isani maqa kiyyaani Abba kad'attani ch'ufa inni isanii kenna.


Wold'aqisa kunini ka anini duri ababoota teesani woliini tolfad'e, gaafa anini worra lafa Misiri, ta ibida bobau worrati fakaatu, keesaa baase. Anini gaafasi waan worraani jed'e, Na ch'aqasa, waan anini isaniini jed'u ch'ufa guuta; duuba isani nama kiyya taatani, aninileeni Waaqa keesani taha.


Na male, waaqoota d'ibi inkad'atiini.


Na male waan d'ibi inkad'atiini.


Duuba Yoshuani ammalle waan jed'eeni, AABBO Waaqa sodaad'a d'ugaafi garaa tokooni isa hojad'a. Waaqoota d'ara ka ababooti teesani duri galaana Frati gammafi lafa Misiri keesati kad'atte d'id'imati d'aa, AABBO Waaqa ch'alla hojad'a.


Inni waan jed'eeni, Yoosi Waaqoota gosa d'ibi ka isani qabdani kaani d'id'imati d'aa garaa tokooni AABBO Waaqa Israeliti ufi kenna.


worri ya waan dansa dide; tanaafi nyaapi worraa worra gussa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite