9 Ee AABBO Waaqa keenna, gurri kanke ya lafa ch'ufa gahe!
Ee AABBO Waaqa keenna, gurri kanke ya lafa ch'ufa gahe! Faaru si faarsani gubbaleeti ind'agayani;
Ee AABBO Waaqa, atini waan heddu uumte! Atini qarooma akamitiini waan kana ch'ufa uumte. Wonti atini uumte sunini ch'ufti ya lafa guute.
Waan Waaqa ka d'ossani, dandeete keesa imbeeta? Atini dandeete guddinnaafi jabeenna Waaqaa muumme inhubata?
Isani worra gosa Israeli, Waaqi aka waaqa keesani jiru tokoleeni injiru, ka woi yaabate guddinnaani gubbaa deeme dumansa keesa deeme qarqaarsaani isanii d'ufu.