6 Atini finna waan uumte ch'ufa harka isaa keesa keete; atini isaa gudda uumama ch'ufaa tolchite;
eebiseefi waan jed'eeni, Ilmaani hora, lafa guuta fida, ammalle qurt'umi baariinitifi waan gubbaa barisatiifi waan lubbu qaba ka deemu ch'ufa mohad'a.
Jennaani Waaqi waan jed'e, Koota, nama mid'aasina fakeennafi akheekha keenna gula, aka inni qurt'umi baariinitifi waan gubbaa barisa ch'ufafi horifi bineensa allaatiifi waan garaani lafa ira lohu ch'ufale mohatu.
aka inni waan ch'ufa mohatu tolchite. Waan jed'ani, Waaqi nama aka inni waan ch'ufa mohatu tolche; waan ch'ufa jechaani waan tokole iraa inhambimne jecha. Ammo nu ammatana nama waan ch'ufa fidu inarginu.
Waaqi waan ch'ufa ya miila Kristo jalati deebise, aka inni Mata waan ch'ufaa tahu inni ya gumi Waaqati kenne.
Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.
AABBO Waaqi waan hayyicha abba kiyyatiini jed'e, Kooti arma moga tiyya ta mirga tahi, haga anini nyaapa kanke miila kanke jalati deebisuti.
Bineensi ch'uftinu, simpirre taanaani, qurt'umi taanaani, bineensa garaani lafa ira lohu taanaani ch'ufti harka kanke ke jira, si sodaata.
ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.
ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.