5 Atini gaafa isa uumte isa ufiti aansite; atini ulfinnaafi guddinna isaa kennite.
Atini haga diqa toko malaika ira isa diqeesite, atini boku guddinna ka hayyuma isaa kennite,
Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.
Aki inni malaika inqarqaarre mirkana, ammo akuma t'aafiini jettu, Inni d'aloota Abrahamu qarqaara.
Kristoni achiti hayyoota gubbafi jabeennaafi irreefi nama jaba ch'ufa fida; inni maqa ulfinna ka lafa tanaatiifi ka hegerile ch'ufa ira jira.
Inni boola awaala dura na baase, naasufi jaalala naa kenne na eebisa.
Jennaani AABBO Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate.
Isani malaikaani jajabduni, ta seera isaa guute dubbi isaa ch'aqaftu, AABBO Waaqa faarsa.
Hayyumti Waaqi sii kenne haga jiru jireenna teeti. Bokuuni atini namaani fidduleeni ka d'ugaati;
Jennaani Yoabu yaame aka hayyuti ergu; ammo Yoabuni d'ufu dide. Ammalle inni maro lameeso yaamnaani d'ufu dide.
Nami maani, ka atini waan isaa akana owiftu? Atini waan inni tahu maani ira qabda?
Ee AABBO Waaqa, nami maani, ka atini waan isaa yaaltu? Inni maani keesa jira, ka atini waan isaa hereddu?