2 faaru suni daimafi ijoolleeti d'aata. Atini ya nyaapa kanke ch'ufa duraa baate, nagayaani teeta. Atini nama sinii morku ch'ufa ind'owarta.
Worri waan Yesoni jed'e, Waan worri jed'u d'ageeta? Ind'agaya jed'e. T'aafi keesa taka insoomne? Isani ya ijoolleefi daima aka faaru d'uga baaftu barsiiftani.
ammo nami AABBO Waaqa d'ugeefate isa eegatu deebie irre argata. Worri akuma risa barisaa, orie indad'abu; yo miilaani yaule yae indad'abu.
Inni waan jed'u woli had'u lakisa, aka anini AABBO Waaqa beekha. Gosa ch'ufafi lafa ch'ufa keesaleti na guddisani.
Waaqi beekhuma beekha waan nami lafa daalluma sehu fohate, aka qaro ch'eersu, ammalle waan nami lafa laaftu sehu fohatte, aka nama jajaba ch'eersu.
Hojja suni Yesoni waan jed'e, Anini galata sii deebisa, Ee Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana worra qalbi qabuufi worra wo barate d'ossite ijoolle didiqoti mullifteefi.
Hojuma suni inni gammada Lubbu Qulqullotiini waan jed'e, Galata si deebisa, Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana qarofi nama wo beekhu d'ossite ijoolle didiqo garsiifteefi. Ee, Aabbo, wonti akana kuni fed'i tanteti.
waan nyaapi kiyyafi nami na jibbuleeni na arabse na goyeesuufi.
AABBO Waaqi Mana ufii qulqullo keesa jira: nami lafa keesa jiru ch'ufti ha isa durati ch'allisuti.
Sodaafi mudamsuuni worra qabati. Worri jabeenna kanke arge aka d'akha ch'allise, haga gumiini tante ch'ufti dabartuti: gosa atini tissuma keesaa baafte, ee AABBO Waaqa.
Inni worra jajabaafi dira worra jajabaale balleesa.
Sodaad'a, ch'ubbu lagad'a; yo ch'aliftani, sire teesani ira ch'iiftani, waan kana guddisa herega.
Inni nama isaa qulqullo qorqorate ammo nama ch'ubbu qabu dukana keesa balleesa; nami irre ufitini woma indabsatu.
Ammo worra Israelitiifi hori worrale sareleeni iti induttu. Akanaani aka anini AABBO Waaqi worra Misiritiifi worra Israeli gargari baasu beetani.
Nyaapi kiyya t'urura naa kaye, gaargali guddaani na qabate. Worri boola kara keesati naa qote ammo ufi keesa bue.
Worri kunini ch'ufti ha maqa AABBO Waaqa faarsuti! Wonti akanatiifi maqaani isaa maqa waan ch'ufa ira jira; ammalle guddinni isaa lafafi gubbale ira jira.
Woli yaamani waan woliini jed'ani, Qulqullo, qulqullo, qulqullo! AABBO Waaqi guddaani qulqullo! Lafti ch'ufti guddinna isaatini guutamti.