4 Nyaapi kanke yayu mana kanke keesati geerare; worri yayu bandera d'aabate, aka dabsate lafa fud'atu garsiise.
Aabbo Waaqi waan sorio isaa irati baasani, lakise Mana isaa qulqullo dide biraa deeme, aka nyaapi maneeni Yerusalemu gugurdo ch'ach'absule iti lakise. Fulla nu duri keesati jila tolfannu worri sunini keesati geerara.
Isani waan jibbani, ta nama rifachiisa, ta fulla qulqullo ejitu, ta raagi Danielini waan isii dubbate ya argitani (nami soomu ha hubatu)
Tanaafi AABBO Waaqi hayyu Babiloni had'iisa worraati erge. Hayyuuni suni, Mana Waaqa keesaleti, kaima Yuda heddu, hobaase. Inni nama tokole, diqaafi gudda, d'iirafi nad'eeni, jaarsafi jaarti tokole naasu d'abeefi bahu d'owe.
Hojja worri Israeli qubatu ch'ufa, nami ch'ufti ha bandera gosa isaatiifi ka balbala isaa gula qubatuti. Ollani ch'ufti ha Waaro Woyyuma marse qubatuti.
Inni Waaqafi maqa Waaqatiifi fulla inni taufi worra gubba taule abaare.
Ammo hojja duula Yerusalemu marsu argitani, aka badiini isii d'iaate beekha.
Hojuma suni jari toko Yesoti d'ufe waan jed'eeni, Pilatoni yayu worra Galilaya toko ka sorio qalatu fit'e, d'iiga worraatiifi ka sorio wolti makhe jed'ani jed'e.
Inni nama baase badile d'owa, lafafi gubba irati akheekha jabaafi waan mama tolcha. Nami afaani nyeench'a keesaa Danieli baase isuma.