1 Ee Waaqa, d'uga teetiini hayyu barsiisi; qajeeluma tante isalee qoodi,
Lubbuuni AABBO Waaqa isa gubba teete, qaroomafi beekhaafi qalbi namaani fidani isaa kenniti. Inni fed'i AABBO Waaqa beekhe isa guddise, isa sodaate,
tanaafi amma qalbiifi beekha anini gumi tante tanaani fidu naa kenni. Yo atini qalbi naa inkenini anini akami dandae gumi tana fida?
Ilma kiyya Solomoni qarqaari, aka inni hojja ch'ufa aadaafi seera kanke guute, Mana anini waan isaa kurfeese kana jaaru.
Achiti Sadokini d'ad'a buuda keesa jiru, ka inni Waaro Woyyuma keesa d'ufeenini muude. Jennaani magalata d'aani, nami ch'ufti, lubbuuni hayyu Solomoni ha d'eeratu jed'e lalabe,
Hojja AABBO Waaqi mana injaarini ijaartu woma imbaatu. Hojja AABBO Waaqi dira ineegini hujiini nama eegu woma imbaatu.
Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.
Waaqi Israeli dubbate, siidani Israeli waan nani jed'e: Hayyuuni d'ugani lafa fidde seera Waaqa gula deemu,
Tanaafi amma qalbi anini gumi tante tanaani d'uga gula fidu naa kenni, aka anini waan dansaafi hamtu gargari beekhu. Yo atini qalbi naa inkennini, anini akami dandae gumi tana fida?
Daudini worra Israeli ch'ufa aka dansa d'ugaafi qajeelumani fide.
Amma ilmati sii d'alata, ka nagayaani lafa fiddu, wonti akanatiifi anini nagaya isaa kenne, nyaapa isaa ch'ufa duraa balleesa. Maqa isaa Solomoni baasiifi, wonti akanatiifi bara inni lafa fidu anini lafa Israeli nagayafi bad'aad'a tolcha.