12 Ee Waaqa, naraa imfagaatini; ee Waaqa kiyya, hurrisi kooti, na qarqaari!
Ammo, ee AABBO Waaqa, atini waan kana ya agarte, ee Waaqa kiyya, afaani qabatte naraa infagaatiini!
Ee Waaqa, anini hiyyeesa laafa, irre inqamne. Ee Waaqa, hurrisi nati kooti. Ee AABBO Waaqa, atini baafama kiyya, hurrisi kooti na qarqaari!
Naraa infagaatiini! Gaargali ya nati d'iaate, nami na qarqaaru d'ibiini injiru.
Ee AABBO Waaqa, atini maafi fago nura ejite hojja nu gaargala qamnu nu d'okhatta?
Ee AABBO Waaqa, anini ya ufi jibbaad'e hurrisi na ch'aqasi. Na duraa ind'okhatiini, nama due boola ekherati deemu tahu na d'owi.
Nati d'iaad'i na baasi, harka nyaapa kiyya keesaa na baasi.
Ee AABBO Waaqa, na baasi hurrisi na qarqaari!
Ammo, ee AABBO Waaqa, atini nara infagaatiini, hurrisi kooti, na qarqaari.