Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 7:9 - KITAABA WAAQA

9 Atini Waaqa d'ugaati, ka herega keennafi garaa keenna laalu. Ch'ubbicha hameenna ira balleesi, nama waan dansa tolchuu nagaya kenni.

Gade chapit la Kopi




Faaru 7:9
36 Referans Kwoze  

Jennaani anini kad'ad'e waan jed'e, AABBO Waaqa gudda, atini ka d'uga gula dubbi qortu, ka ammalle heregaafi qalbi namaa ilaaltu, anini dubbi tiyya ya siti kennad'e; haalo atini worra kana baafatu na garsiisi.


Anini, AABBO Waaqi, qalbi nama ch'ufa laale, garaa namale ilaalad'a. Anini nama ch'ufa adabuma isaa gula waan male kennaafi, waan inni tolchu gula.


Ammo ee AABBO Waaqa gudda, atini d'ugaani nama ilaalate, waan worri garaafi qalbi keesaa qabu beeta. Tanaafi aka atini nyaapa kiyya haalo baafatu na agarsiisi, wonti akanatiifi anini dubbi tiyya yayu siti kennad'e.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


Ammo AABBO Waaqi waan isaani jed'e, D'eerinnaafi mid'aaguma isaa iniilalini, anini yayu isa dide. AABBO Waaqi waan nami laalu iniilaalu. Nami nama nafuma ala laala, ammo AABBO Waaqi garaa keesa ilaala.


Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.


Ee AABBO Waaqa, atini na ilaalte waan kiyya ch'ufa beeta.


atini imbeetu? Atini herega keenna ch'ufa imbeeta.


AABBO Waaqi ejata nama qajeelche, nama isa gammachiisule jabeese qorqorata.


Ee AABBO Waaqa, na ilaali, na argi garaafi qalbi tiyya hubad'i.


Inni nama d'ugaa qajeelafi ch'ubbichale inilaala garaani isaa nama woi yaku guddo jibba.


Irre ch'ubbichatifi ta dabdicha ch'ach'absi; maro hameenna worri tolcheefi worra gaargalchi, haga worri iraa deebiuti.


Waaqa guddimna! Inni Odu Dansa Yeso Kristo ta anini odeesu gula d'ugefacha teesani jabeesu indandaa, ammalle mullacha waan d'ossa ka ganna heddu d'ossani gula.


Atini garaa kiyya imbeeta; halkaniini nati d'ufte na ilaalte, d'araa hamtu tokole na keesaa d'abde.


Maro tokotu waan inni Waaqa ind'ugeesinifi malaikaani Aabbo isa d'oofte. Ramoni isa nyaate, inni due.


Ee Waaqa, gaade nyeench'a kana ch'ach'absi. Ee AABBO ilkaani kuble isaale bulleesi.


Atini boha nama dabsanitiifi ta ilmaani hiyyeeyi d'ageeta; atini worraa dubbatte, akasiini nami ka ufiftu woma ufii imbaane deebie worra imudamsisu.


Inni waaro isaa ta hayyule jiddu baariinitifi gaara Mani Waaqa iraa eju d'ad'aaba. Ammo taatule inni ka wahela inqamne qofuma dua.


Inni boola hamtu keesaa na baase, maansa anini keesa lit'e keesaa na fuud'e, d'akha gubbaa na d'aabe na jabeese.


Inni nama isaa qulqullo qorqorate ammo nama ch'ubbu qabu dukana keesa balleesa; nami irre ufitini woma indabsatu.


Maqaani kiyya Yuda, hojattu Yeso Kristotiifi oboleesa Yakobo; gara worra Waaqi yaame, ka jaalala Abba Waaqa keesa taufi ka qorqorti Yeso Kristo jala jiruti tatabe tana t'aafa.


Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.


Kara kanaani inni garaa isani jabeese, fuula Waaqafi Abba keenna durati qit'ooftani qulqullo taatani, gaafa Aabbo Yesoni jara isa d'ugefatu ch'ufa woliini d'ufu.


Qara Abrahamuti, Isiini oboleeti tiyya naani jed'e, isiileeni anini gaafannaani akasuma naani jette. Anini waan kana woma d'uga ka jira sehe tahe.


Ee AABBO Waaqa gubbati ch'aqasi, hojattu tante dubbi worraa d'uga gula muri. Nama wollaala qabu wollaala iti muri, ka inqamne galakisi.


AABBO Waaqi fulla nami dabsani iti baqatu, inni fulla guyya gaargala iti d'eetani.


Anini Seera AABBO Waaqa ya guute, taka kara isaa iraa ingorre.


Ee AABBO kai na baasi; ee Waaqa kiyya, kooti naa dubbad'i.


Ee Waaqa, nami kunini wollaala inqabu jed'i d'uga naa muri, gumi si imbeenne durati naa dubbad'i; nama ch'ubbicha kiyyiba duraa na baasi!


AABBO Waaqi Hayyu jed'a, gosa ch'ufaati odeesa! Lafa fulla iti uumani jirtu dandani inch'oosani; inni nama ch'ufa d'uga gula qora.


AABBO Waaqa durati sirbiti, gaafa inni lafa fidu d'ufu. Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


Wonti akanatiifi inni d'ufe lafa fida, inni gosa lafa keesa jirtu ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite