Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 67:1 - KITAABA WAAQA

1 Ee Waaqa nuu nahi, nu eebisi, naasu teetiini nu ilaali,

Gade chapit la Kopi




Faaru 67:1
15 Referans Kwoze  

Nama hedduti jira ka Waaqa kad'ate, Ee AABBO, nu eebisi nu nahi jed'u.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Yo anini si yaamu na jala owaad'i, Ee Waaqa, ka d'uga naa taatu. Gaafa anini gaargala qabu ya na qarqaarte, amma naa nahi kad'acha tiyya naa d'agayi.


Nati mullad'i seera kanke na barsiisi.


Hojattu tante naasuuni ilaali, jaalala tante ta ind'umanneeni na baasi.


Ee AABBO Waaqa gudda, ufiti nu deebisi, naasu tante nu garsiisi, aka nu baafamnu.


Ee Waaqa gudda, ufiti nu deebisi! Naasu tante nu garsiisi, aka nu baafamnu!


Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne.


Eebiti Aabbo keenna Yeso Kristo, jaalalti ta Waaqa wold'aqisi Lubbu Qulqulloleeni ha nuu ch'ufa woliini tau.


Ee AABBO Waaqa, gumi tante baasi nama kankele eebisi. Tissitu worraa tahi, haga jiru jireenna worra hampaari qorqorad'i.


Ee AABBO Waaqa, worra kanke ka Israeli ka atini lafa Misiri keesaa baafte, araarami. Nu araarami, d'iiga nama woma intahini, ka due kana, nura inkayini.


Ee AABBO Waaqa, dallansu tante keesa na ingorsiini! Nati dallante na ind'aaniini!


Lafa Yuda keesati Waaqi ya beekhame; Israeli keesati maqa isaa guddisani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite