2 Mala gumi ch'ubbiti seseega yaatu jalaa na baasi.
Ee AABBO Waaqa, anini siti d'eed'a, nyaapa kiyya duraa na baasi.
Worra hamama suni duraa na baasi harka worra nama ijeesuu kana keesaa na baasi!
Anini ilme hoola ta laanuma nama qaallu gula deemtu fakaad'a aka nami, worri tae iti malatu ana, imbeekanne. Worri waan jed'e, Koota, mukha ato inni jiid'aatu murra; ammalle namicha kana lafa keesaa balleesina, aka nami deebie isa inqaabanne.
Atini worra suni mala nyaapa isaani duraa fulla teeti d'ossite, araba nyaapa isaani dura fulla jabduti d'ossita.
Guyya gaargalaa inni na baase, Mana ufii keesati na jabeese, d'akha d'eera gubbaa na kaya.
Ammo ee AABBO Waaqa, atini mala worri nani ijeesu fed'e ch'ufa imbeeta. Ch'ubbu worraa inaraaraminiifi, daba worraale biraa indeeminifi. Worra dabsi, lafa buusi dallansu keesa balleesi.
Worri wolti bahe d'okhate, gaade na ijeesuu fed'a.
Ee AABBO Waaqa, anini nyaapa heddu qaba, ka na dide sidi nati tahe!
aka inni worra qarqaare haga Yerusalemu nama erge Paulo fuud'u. Wonti akanatiifi Yahudiini qara aka kara keesati isa eegani ijeesani mariatte.
Worri suni ch'ufti dao qilleensa nama ira d'owartufi fulla bubbe iti d'okhatani fakaata. Worri bisaani lafa gamooji keesa yaatifi gaadisa rabsu d'akhaa, ka lafa d'eebicha keesa tau, fakaata.
Hayyooti worraa AABBO Waaqafi hayyu inni muude fohateeti garagalte ch'ubbu iti malatte.
Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Atini maafi akana dallante garaa hammaatte fuula guurta?
Tanaafi anini Waaqa kad'ad'e waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, na ch'aqasi, waan nyaapi kiyya dubbatu d'agayi.
Yahudiini ch'ufti wold'ate, Himachaani tunini d'uga jette.