Isani ya AABBO Waaqa dubbi teesaniini dad'absiiftani. Ammo isani waan jettani, Nu akamiini isa dad'absiimne? Aki isani isa dad'absiiftaniini, aka isani AABBO Waaqi Guddaani nama hameenna tolchu ch'ufa dansa sehu jettani. Yokhaani, Waaqi d'ugaa beekhu me? jettani.