Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 5:11 - KITAABA WAAQA

11 Amma nami siti d'eetu ch'ufti ingammada, guyya ch'ufa qilit'ameti sirba. Nama si jaalatu qorqorad'i, maro teetifi worri gammada qaba.

Gade chapit la Kopi




Faaru 5:11
18 Referans Kwoze  

Nu imbeenna, aka waan ch'ufa keesati Waaqi worra isaa jaalatu, ka inni fed'i ufitiini yaame, waan dansa tolchuufi.


Ammo nami d'uga ha gammade isa durati qilit'amu.


Nami siti d'ufu ch'ufti ha gammade qilit'amuti. Nami baafama kanke jaalatu ch'ufti ha guyya ch'ufa, AABBO Waaqi akami gudda! jed'uuti.


Ayyaana nama gaargala obsuuti; eegi ilaalacha dabsate, eebafi jireenna argata, ta Waaqi nama isa jaalatu d'aamate.


Ammo akuma t'aafiini jettu. Waan nami taka arge ind'agayiini, waan nami taka inheregiini, Waaqi worra isa jaalatu kurfeeseefi.


Gammada, maro badi isaatiifi, Ee Gubba! Gammada, worra Waaqatiifi ergattufi raagoota! Waaqi ya maro waan inni isani tolcheefi isa qore!


Ch'aqasa oboleyaani tiyya! Waaqi hiyyeeyi lafa tana fohate, aka d'ugefachaani duroomte, finna inni worra isa jaalatu d'aamate argattu.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


holad'a, isa durati ga jejed'a; aka inni hurre isaniti dallane, isani yoosu indoone. Ayyaana worra AABBO Waaqati d'eete qarqaarsa ira barbaaduti.


nami d'aloota hojattu isaa lafa suni d'aala ammalle nami isa jaalatuleeni qubate achi taa.


Fulla horiini oolu ch'ufa hooliyeeni keesa guute, baleele ch'ufa dargayeeni keesa guuti. Wonti ch'ufti gammade sirbiti.


Nami aka d'uga naa murani arguu fed'u ha gammade, guyya ch'ufa iyye waan jed'u, AABBO Waaqi akami gudda! Inni waan hojattuuni isaa hojate argatu iraa gammada.


Nami d'ugaa qajeelani hojja ch'ubbicha gaargalchani ingammada; inni d'iiga ch'ubbichaa keesa deema.


Guyya suni bakalchi ganama woliini sirbe malaikaleni gammadani iyyite.


Ee AABBO Waaqa, nyaapi kanke ha akasuma hobauti, ammo jallaani tante ha akuma biiftu baatu ibsituti! Duuba haga ganna afurtama lafti nagaya argatte.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite