2 Diqaafi gudda, dureesafi hiyyeesa, wolumaani ch'aqasa.
Nami hafuuruma baafatani fakaata; diqaafi guddaleeni akuma taka jira, woma keesa injiru. Miisana gubba kai, biimi worri diqole inuulfatu, hafuurale ingahu.
Dureesafi hiyyeesale AABBUMA Waaqati uume, akanaani worri wolfakaata.
Inni worra lafa fidu ira ch'iise, dureesa jaalate hiyyeesa injibu, wonti akanatiifi nama ch'ufa isumati uume.
Gosa ch'ufa koota, asi wolti baha, ch'aqasa. Lafa ch'ufafi nami keesa jiru ch'ufti ha arma d'ufe wo d'agayu.
Gosa ch'ufa, d'agaya; nama lafa keesa tau ch'ufa ch'aqasa! AABBO Waaqi Guddaani Mana isaa qulqullo keesa dubbate ha isani himatu!