Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 45:1 - KITAABA WAAQA

1 Qalbiini tiyya dubbi dansa heredde, hojja anini faaru hayyuuni faarsu tana d'aad'u. Aka harki nama woi t'aafu hojja ch'ufa kurfoo jiru arabi kiyyaleeni kurfoo jira, aka faaru d'aad'u.

Gade chapit la Kopi




Faaru 45:1
23 Referans Kwoze  

Anini guddo woi herega, dubbuma qaro ch'alla dubbad'a.


Anini garaa tokooni dubbad'a, dubbini tiyya ch'ufti ta d'ugaati.


Lubbuuni AABBO Waaqa afaani kiyyaani dubbate, inni arraba kiyyaani wod'aamate.


Nami wobeekhu herege dubbata, jechi worraleeni ufi gula nama deebisa.


Wonti akanatiifi dubbini fagiisaa tokoleeni taka fed'i nama keesaa imbaane, ammo Lubbu Qulqulloti nama dubbachiise, ato nami dubbi fulla Waaqati d'ufte dubbatu.


Haga anini sirba kana sirbe jaala kiyyaafi oobru isaa ta zabibu faarsu, na ch'aqasa: Jaali kiyya oobru zabibu qaba, ta gaara dansa gubba jirtu.


Ee Waaqa, na baasi! Bisaani ya mormati naa ch'iisani;


Waan d'uga fohanna, waan dansa woliini baranna.


Dubbi d'uga guddoti t'aafi tana keesa mullata; isiini, mala kiyya, Kristofi gumi Waaqale baanti.


Mata isaa gararoti waan isa himataniifi t'aafani, Nami kunini Yeso, Hayyu Yahudi jed'ani.


Hayyichi kiyya sire ufi ira ch'iise, urgaani qayya kiyya fulla ch'ufa guute,


waan jed'u, Anini gaara kiyya qulqullo Sioni gubba yayu hayyu kiyya kaye.


Ezrani guddo waan Seera AABBO Waaqa Israeli, ka inni Musaa kenne, soome barate. Maro inni eeba AABBO Waaqa isaa qabuufi, hayyichi waan inni kad'ate ch'ufa kenneefi. Ganna torbeeso ka Artashastani lafa mohate, Ezrani Babiloni kae, worra Israeli ka garitifi qaalole, worra Lawiti, Sirbitu, worra mana eegu, hojattu Mana Waaqa ta gari woliini Yerusalemu yaani.


Duuba Hayyuuni waan hooliye harka mirgatiini jed'u, Abbaani kiyya ya isani eebise, koota, guddinna haga lafa uumani isani mid'aasani seena.


Nami dansaani hori ufi dansa keesaa waan dansaa baasa; nami hamaleeni hori ufi hama keesaa waan hamtu baasa.


Ee tissitu Israeli, nu d'agayi; ee atini ka gumi tante tissitu, nu ch'aqasi. Atini ka waan lubbu qaba ka koola gubbaa barch'uma kanke ira teetu,


Akuma hiddini bisaani qabanao d'uddu d'araatu, aninileeni akasuma sii d'araa, ee Waaqa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite