21 atini imbeetu? Atini herega keenna ch'ufa imbeeta.
Anini, AABBO Waaqi, qalbi nama ch'ufa laale, garaa namale ilaalad'a. Anini nama ch'ufa adabuma isaa gula waan male kennaafi, waan inni tolchu gula.
Nami tokoleeni dandae fulla tokoleti na duraa ind'okhatu. Isani aka anini fulla ch'ufa lafafi gubbale jiru imbeetani?
Waaqi waan nu tolchinu, dansaafi hamtule, ta nu d'ossati tolchinule, inqora.
Inni kara kiyya arge ejata kiyya ch'ufa haga imbeekhu?
Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.
Duuba Odu Dansa anini odeesu gula, wonti kunini guyya Waaqi, maro Yeso Kristotiifi, waan garaa nama keesa jiru qoru taati.
Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.
hojja Waaqi na gaafate anini maani taha? Hojja Waaqi dubbi suni barbaade anini maani jed'aani?