3 Anini halkani guyya bohe, imimaani kiyya ch'alla soorad'a, ka nyaapi kiyya hojja ch'ufa na gaafate, Waaqi kanke me? nani jed'u.
Gochiti d'ibiini maafi, Waaqi keesani me? Jette nu gaafati. Aka atini gosa d'iiga hojattu teeti jissite gaargalchitu nu garsiisi.
Gochiti maafi nu gaafate, Waaqi keesani me? nuni jetti.
Qaaloleeni ta fulla sorio iti baasanifi balbala Mana AABBO Waaqaa jiddu hojattu ha, Ee AABBO Waaqa, gumi tanteeti nahi, jette bootuti. Gochiti d'ibiini nu tufatte nu goyeesite, Waaqi keesani me? nuuni injed'iini.
Maro dallansu tanteetifi daaraani sagale naa taate, imimaani kiyyaleeni waan anini d'uguuni wolti makhamani. Atini oli na fuute gadi na gatte.
Atini yayu laalefacha aka sagale nu soorachiifte, imimaani muduunu guute nu obaafte.
Nyaapi kiyya na arabse, Waaqi kanke me? jed'e na gaafanaani, anini araba isaani suni aka male d'ukubsad'e.
Duuba nyaapi kiyya waan kana arge, nami qara na goyeese, Waaqi kanke me? naani jed'e inch'eera. Anini nyaapa suni ka aka d'oqe karaati d'id'iitani arga.
Ee Aabbo Waaqa gosa arabsite si miite, maro torba haalo baafad'i.
waan nani jed'u, Atini Waaqa abdatte, inni ha si baasu. Yo AABBO Waaqi si jaalate, inni ha si qarqaaruti!
Worri waan kiyya dubbate waan jed'u, Waaqi isa inqarqaaru.
Hegeri AABBO Waaqi gaargale kiyya arge fulla abaarsa isaa kana na eebisa.
Ganna keesa maro sadi d'iirti teesani ha AABBO Waaqa dura d'uftu.
Nami lubbu qabu tokoleeni ka eegi Waaqa jireenna ka ibida keesaa dubbate d'agaye jiraate injira?
Mana kanke qulqullo keesati nati mullad'i, jabeennaafi guddinna kanke na garsiisi.
Buriyaleeni mana qabdi, worraabatileeni fulla ilmaani keesati d'altu qabdi d'aatu fulla sorio irati si baasani, Ee AABBO Waaqa gudda, hayyu kiyyafi Waaqa kiyya.
Lubbuuni tiyya aka lafa gogodde sii d'eeboti, tanaafi harka si dura qabad'e si kad'ad'a.